Baha Wallaggaa, aanaa Giddaa Ayyaanaa keessatti Faannoon maqaa Miliishaan Uummata dararaa jiru.
( ONM-ABO Waxaabajjii 1,2022 )
Godina baha Wallaggaa Aanaa Giddaa Ayyaanaa keessaatti gandootni akka Lalisee fi Dooroo Ayyaanaa Gidiraa cimaa keessa jiru.
Gandoota kanneen keessa Faannoon maqaa milishaa jedhu moggaaffatee hayyama mootummaatiin hidhannoo guutuun gandoota naannoo magaalaa Giddaa jiran keessa deemuun uummata saamaa fi reebaa jiru.
Namoonni afaan Amaaraa dubbatan kan milishaa ofiin jedhan gandoota naannoo magaalaa jiran keessumaa immoo ganda Lalisee bakka jedhamu deemuun uummata reebaa fi ijoollee barumsa deemtu jilbaan da’imsiisanii mataan akka korbeessa hoolaatti walitti buusisaa turuu warreen ijaan argaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka jiraattoonni naannichaa jedhanitti, namoonni kun baay’inni isaanii 300 ol kan ta’an yoo ta’u, namoonni rakkoon kun irra ga’e yeroo dubbatan, nyaata qopheessa jedhanii erga nyaatanii booda namuma irraa nyaatan sana reebu jedhan.
Milishootaa fi humna addaa of biraa akka deebisanii fi hayyamuma murna PPtiin akka deeman hubachuun danda’ameera.
Kana malees ati muca Waraana Bilisummaa Oromoo ti jechuun ijoolluma karaa irratti argan hunda reebaa fi xinsammuu miidhaa jiru jechuun jiraattoota onichaa wabeeffachuun maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru.
