• Fri. Mar 20th, 2026

Mootummaan sirna faashiisti PP hojjattoota isaa amanuu dadhabuun godina Qellam Wallagaa ona Anfilloo magaalaa muggii keesssatt hidhuun dhaga’ame

Jun 4, 2022

Mootummaan sirna faashiisti PP hojjattoota isaa amanuu dadhabuun godina Qellam Wallagaa ona Anfilloo magaalaa muggii keesssatt hidhuun dhaga’ame.

( ONM-ABO Waxaabajjii 4,2022 )

Murni maafi’aa impaayeera Itoophiyaa kufaatii irra ga’ee jiru hojjattoota isaa shakkuun godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo Magaalaa Muggii keessatti hojjattoota sadarkaa garagaraa irra jiran isin Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabdu jechuun kan hidhee rakkisaa jiru ta’uu odeessi magaalaa muggii irraa Arraata Biyyoolessa Oromiyaa qaqqabe ni addeessa.

Hojjattoonni hidhaman mootummichaaf sadarkaa miseensummaa hanga hoggansaatti dhaaba PP keessatti hojjechaa turanii deebisanii mootummichaan hidhaman kunneen
1. Badhanee Qanna’aa bulchiinsa magaalaa Muggii irraa
2. Dabalaa Kennesaa bulchiinsa magaalaa Muggii irraa
3. Yewaalishet Abebe hojjattuu waajjira fayyaa
4. Taarikuu Barrihuun hojjataa waajjira qonnaa keessatti hojjetaa gitaa ta’uun kan tajaajilaa osoo jiranii hidhamanii dha.

Sadarkaa geggeessummaa irra osoo jiranii warri hidhaman ammoo,
1. Mokonnin Waaqtolaa itti aanaa bulcha aanaa
2. Maammudee Mahaammud Afayaa’ii mana maree aanichaa,
3. Garramuu Yiggazuu kantibaa magaalaa Muggii fi
4. Amaanu’el Ayimiroo itti gaafatamaa waajjira lafa warreen jedhamaniidha.

Mootummaan faashiisti Abiy Aihmed tarkaanfii gootichi waraana bilisummaa Oromoo naannawaa sanatti waraana weerartu PP fi tikoota ishee irratti fudhatuun kan rifatte yoo ta’uu hojjattoota isaa fi namoota nagaa hidhuun darara jiraachuun beekamaa dha.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading