Waraanni Bilisummaa Oromoo Lixa Shaggar Aanaa Dirree Incinnii ganda Arfinjoo Daadaatti humna faashistii PP fi tikoota isaani olii gad ari’aa oole.
( ONM-ABO Waxaabajjii 4,2022 )
Guyyoota Darbe kana akka aanaatti Dhiitee kufaa, kaabinootaa fi qaamolee Nageenya waliin marii gaggeessaniin gandoota 10n keessatti sakattaa godhuuf murteessanii turan.
Bu’uuruma murtee kanaan kaleessa Waxaabajjii 3,2022 sochii gara ganda Arfinjoo Daadaatti bakka addaa Gooroo Sirbaatti taasisaniin jajjabeen Waraana Bilisummaa Oromoo aanaa Dirree Incinnii keessa socho’u itti marsuun waraana ishee 5n du’aan 3 madoon yoo adabu tikoota murna PP haala qorachuun lolchiisuuf fidaniif dhufan gatanii baqachuun gara magaalaa aanaatti deebi’aniiru.
Tikootni meeshaa hidhachuun lola kana loluuf dhufan keessaa 8 harkaan booji’aman keessaa Mootummaa Olumaa, Tashooma Soogiddee fi Dagguu Peexiroos keessatti argamu.
Gabaasa guutuu hordofnee walitti deebina!
Injifannoon Uummata Oromoof!
