• Fri. Mar 13th, 2026

WBOn Giddu Galeessaa Oromiyaa Kaaba lixa Shaggar keessa socho’u tarkaanfii waraana weerartuu PP irratti fudhachuu beeksise

Jun 5, 2022

WBOn Giddu Galeessaa Oromiyaa Kaaba lixa Shaggar keessa socho’u tarkaanfii waraana weerartuu PP irratti fudhachuu beeksise!

( ONM-ABO Waxaabajjii 5,2022 )

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn zoonii Giddu Galeessaa kaabaaf Kaaba lixa Shaggar keessa sosso’u tarkaanfii laalessaa waraana murna faashistii PP irratti dheengadda galgala Waxaabajjii 3 ,2022 ona Dagam ganda Yaayyaa Harootti fudhateen nama 30 battalatti yoo ajjeesu 15 madoon adabee jira.

Akkuma ajajaan olaanaa ABO-WBO meeshaanii fi galaan keenya dugda diinaa irraati jedhan meeshaalee akka bireenii 1, sniper 3 AKM 15 hidhannoo 12, piistoo 2, Raadiyoo quunnamtii 2, jorooroo dishqaa 50 rasaasa waliin, akkasuma rasaasa kilaashii fi bireenaa hedduu dhuunfachuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisee jira.

Hanga ammaatti tarkaanfii gootichi waraana bilisummaa Oromoo irratti fudhateen ona Dagam keessatti waraanni PP ajjeefaman kan maqaa arganne

  1. Kumaander Ashabbir Altaayyee
  2. Kumaander Zarihuun Huseen
    3.Ajajaa Kudhanii Mitikkuu Caalaa
  3. Wandimmuu Seetuu
  4. Chaalaachoo
  5. Mahaammad Ballachulish
  6. Konkinoo
  7. Shittoo Taaddalaa
  8. Zalaalam Simmanyi
  9. Ashabbir
  10. Mokonnin
  11. Fayisaa Kumsaa
  12. Chaalaachoo ta’uu maddeen waraana PP irraa adda baafanneerra.

Tarkaanfiin goorichi Waraana Bilisummaa Oromoo waraana PP irratti fudhatu jabaatee kan itti fufu ta’uu ajajaan WBO kibba lixa Shaggar addeessaniru.

Bilisummaa dhugaan afaan qawwee jira!

Injifannoon Uummata Oromoof!

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading