• Fri. Mar 20th, 2026

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo zoonii lixaa ona Mana Sibuu fi Qilxuu Kaarraa keessatti tarkaanfii boonsaa fudhate

Jun 8, 2022

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo zoonii lixaa ona Mana Sibuu fi Qilxuu Kaarraa keessatti tarkaanfii boonsaa fudhate!

( ONM-ABO Waxaabajjii 8,2022 )

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa waraana weerartuu PP irratti fudhachuu itti fufuun injifannoo boonsaa galmeessee jira.

Haala kanaanis Waxaabajjii 8,2022 gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo zoonii lixaa godina lixa Wallaggaa ona Mana Sibuu fi Qilxu Kaarraa keessatti diina harcaasaa oole.
Har’a ganama toora sa’a 4:00 irraa qabuun ona Mana Sibuu ganda Waankii Qobboo keessatti 8 ajjeesuun 6 yoo madeessu reeffaa fi madoo ishee ambulaansiitti fe’uun madoo hospitaala Mandiitti yaalchisaa jiru.

Lola abdiin sabaa ona Qilxu Kaarraa ganda Guyyoo Jirmaa jedhamu keessatti taasiseenis reeffaa fi madoo wal irra tuulchisuun hanga gabaasni kun qindaa’etti reeffaa fi madoo ishee hin kaafatin jiraachuun barameera.

Bilisummaa dhugaan afaan qawwee jira.

Horaa bulaa deebanaa

Injifannoon Uummata Oromoof

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading