• Sun. Mar 15th, 2026

Alabaan ABO, mallattoo, Fakkii fi Qabeenya ABO fi Uummata Oromoo ta’uu ajajaan Ol’aanaan ABO-WBO ibsa isaa caamsa 9, 2022 baaseen ibse

Jun 10, 2022

Alabaan ABO, mallattoo, Fakkii fi Qabeenya ABO fi Uummata Oromoo ta’uu ajajaan Ol’aanaan ABO-WBO ibsa isaa caamsa 9, 2022 baaseen ibse.

( ONM-ABO Waxaabajjii 10,2022 )

Atakaaroo dhimma Alaabaa maqaa dha’atee ka’e, ammoo qabsoo uummanni Oromoo Waraana isaa WBO waliin itti jiru gufachiisu akkeekkatee qalbii uummataa butuun qabsoo irraa gara afaan faajjiitti luuccessuuf ajandaa boocamee,
guyyoottan lamaan kana deemaa jiru irratti ibsa kan baase Ajajaan Ol’aanaan ABO-WBO Alaabaan ABO mallattoo, fakkii fi Qabeenya ABO fi Uummata Oromoo ta’uu ibsee jira.

Itti dabaluunis halluulee Alaabaa ABO fi hiikaa isaa kan ibse ibsi Ajajaa Ol’aanaa ABO-WBO Waxaabajjii 9, 2022 ba’e kun, akkaataa itti dhimma ba’uu Alaabaa Oromoo ilaalchisees, ABO’n Heera isaa Aangoo 4. Qabxii 4.1 keessatti “Asxaa fi alaabaan ABO, mallattoo, fakkii fi qabeenya ABO tii fi uummata Oromoo ti.” Kan jedhuu fi faaru alaabaa bilisummaa Oromoo keessaas himoota barreffaman kaasee wabeeffatuun alaabaan ABO qabeenyummaan isaa kan qabsaawotaa fi kan uummata Oromoo ta’uu ibsicha keessatti hammatamee jira.

Kana malees hawaasni Oromoo mirga alaabaa isaa fayyadamuu guutuu akka qabu kan kaase ibsi Ajajaa Ol’anaa ABO-WBO, alaabaan Oromoo ammoo mallattoo tokkummaa Oromooti malee mallattoo atakaaroo akka hin taanee fi Hawwaasni Oromoos waltajjii kam irratti iyyuu yoo fayyadame jaalala hawaasni alaabichaaf qabu irraa akka ta’e ibsichi ejjennoo dhaabichi agarsiiseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading