• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa ona Amuruu keessatti finxaleeyyiin Amaaraa barataa tokko yoo ajjeesan Jaardagaa Jaartee keessatti ammoo waraanni bilxiginnaa hidhaa hammeessuun ibsame

Jun 10, 2022

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa ona Amuruu keessatti finxaleeyyiin Amaaraa barataa tokko yoo ajjeesan Jaardagaa Jaartee keessatti ammoo waraanni bilxiginnaa hidhaa hammeessuun ibsame.

( ONM-ABO Waxaabajjii 10,2022 )

Dachee abbaa isaatti dararaan humnoota finxaaleyyii Amaaraa fi waraana murna faashistii PP irraa itti hammaachaa kan jiru uummata Oromoo irratti, har’as gochi farrummaa itti fufuun ajjeechaa fi hidhaan godina Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti hammaatee jira.

Haala kanaanis Waxaabajjii 9,2022 waaree dura ona Amuruu ganda Makonnoo keessatti humnootni finxaaleyyii Amaaraa barataa kutaa nama umrii 14 ta’e Sanyii Raffisaa jedhamu rasaasaan rukuchuun ajjeesan.
Ajjeechaa raawwataniin hawaasa naannoo ari’uun loon hawaasaa ooffatanii deemanii jiru.

Oduu biraatiin ammoo waraanni bilxiginnaa ona Jaardagaa Jaartee mana barumsaa sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa keessa qubatanii jiran qeerroowwan fi hawaasa Oromoo maqaa waraana bilisummaa Oromoon yakkuun hidhaa jiru.

Akka kanaanis namoota hidhamaa jiran keessaa tokko kaleessa Waxaabajjii 9,2022 kan qabame yoo ta’u, namni qabame kun barataa kutaa 12ffaa maqaan isaa Abbaa Biyyaa kan jedhamuu dha.

Waraanni murna maafi’aa kun barataa kana erga qabanii karaa cinaa of bira kaa’aniin booda, namoota daandii irra darban kun Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabaa jechuun akka inni isaan sodaatee yakku gochuun diraamaa hojjechaa turuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa ona Jaardagaa Jaartee magaalaa Aliiboo ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading