Godina baha Harargee aanaa Kombolchaa keessatti waraanni mootummaa sirna maafi’aa PP maqaa deeggarsa raayyaa ittisaa biyya jedhuun ummata saamaa jiraachuun dhaga’ame.
( ONM-ABO Waxaabajjii 11,2022 )
Murni ilmaan Oromoo saamuu bare torbee darbe irra qabuun godina baha Harargee ona Kombolchaa araddaa Ijaginnaa keessatti namoota humnaan maqaa deggarsa raayyaa ittisa biyyaa ofiin jedhuun mallaqa irraa guuraa kan jiran yoo ta’u namoota maallaqa hin qabnu jedhan ammoo raayyaa ittisa biyya leenjitu jechuun doorsiisaa fi reebicha hamaa irran ga’a kan jiranii fi gariin dargaggoota qe’ee irra baqacha jiru jechuun maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himaniru.
Nama cufa qarshii 200 fi isa ol dirqaman kanfalchisaa kan jiran yoo ta’u, tooftaa kana murni bilxiginnaa kun ittin uummata saamuuf kan itti fayyadamaa jiru ta’u maddeen dabaluun addeessaniru.
Impaayeera kufuuf jette hambisuuf waraana baayinaan leenjisee mindaa waan kanfaluuf dhabuun uummata ofiifuu qaala’insi jireenyaa itti hammaatee of dadhabe saamaa kan jiru fi dargaggoota humnaan qabe adda waraanatti erguun isa karaa tokkon kufaatii isa agarsiisaa karaa biraan abdii kutannaa keessa jiraachuu isaa kan agarsiisuudha kan jedhan jiraattoota baha Harargee ona Kombolchaati.
