Lixa Shaggar ona Cobii keessatti waraanni maafi’aa PP namoota nagaa ajjeesuunii fi madeessuun qabeenyas saamuun dhaga’ame.
( ONM-ABO Waxaabajjii 11,2022 )
Waraanni murni maafi’aa PP ilmaan Oromoo irratti duguggaa sanyii raawwachuu itti fufuun giddu galeessa Oromiyaa godina lixa Shaggar Ona Cobii keessatti ajjeechaa, miidhaa qaamaa fi saamicha raawwatanii jiru.
Aanaa Cobii ganda Mata Qomaatti Waxaabajjii 8,2022 waraanni bilxiginnaa qotee bulaa nagaatti meeshaa gurguddaa roobsuun nama obbo Shiboo Addunyaa jedhamu maatii isaa irraa kan ajjeessan yoo ta’u nama maqaan isaa Geetuu Tarreessaa jedhamu bireenaan miila rukutuun kutan.
Tarkaanfii waraanni faashistii kun ona Cobii Ganda Mataa Qomaatti fudhateen mucaa waggaa 3 Ayyaantuu Darajjee jedhamtu Dishqaan rukutuun harka kutanii jiraachuu jiraattootni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Ajjeechaa fi miidhaa qaamaa geggeessaniin cinaatti saamicha qabeenya geggeessanii jiru.
Haala kanaanis qotee bulaa maqaan isaa Obbee Fufaa jedhamu jalaa kuusaa midhaanii isaatti seenuun xaafii kuntaala 100 konkolaatti fe’achuun saamuun uffata, dunkaana uummataa keessaa meeshaa tokko osoo hin dhiisin saamanii jiru.
Guyyuma kana qabeenya uummataa saaman malee mana uummataa 8 abiddaan qabeenya isaanii, sa’aa fi waatii isaanii walii abiddaan barbadeessan.
Namoonni manni jalaa gubate kunis
Caalchisaa Dirribsaa
Asagid Baqqalaa
Dabalee Baalchaa
Araarsee Bultoo
Dabalaa Takluu
Sorsuu Dirribsaa
Girmaa Xaafaa fi
Zinaabuu Nagaasaa kanneen jedhaman ta’uu jiraattootni eeruun, ona Cobii keessatti dararaan waraanni murna bilxiginnaa raawwachaa jiru daangaa akka darbes yaada isaanii keessatti addeessaniiru.
