
Ona Giddaa Ayyaanaatti Wal-ta’insii humnoota Faannoo, Milishaa Amaaraa fi Waraanni PP Qe’ee fi Qabeenya Uummataa Ibiddaan Gubuun Dhaga’ame
[SQ Waxabajjii 22/2022]
Guyyaa dheengaddaa, jechuunis Waxabajjii 20/2022 irraa eegalee, humnootni Faannoo, Milishaa Amaaraa fi waraanni muurna PP waliin ta’uun duula uummata nagaa fixuu irratti fuulleffataniin Ona Giddaa Ayyaanaatti kan argamtu Ganda Sirbaa Waddeessaa bakka addaa Nafuroo jedhamtu guutummaatti qabeenyaa fi qe’ee uummata Oromoo ibiddaan gubanii barbadeessuu jiraattonni Onichaa yaada isaanii bilbilaan Sagalee Qeerroof himanii jiru.
Duulli kun kan eegales, tibba kana wal waraansi humnoota mootummaa PP fi Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti deemaa kan jiru yoo ta’u, lola kanarratti humnoonni PP haleellaan cimaan irratti raawwatamuu fi wareegamni ulfaataan isaan mudachuu hordofanii mana, qabeenyaa fi lubbuu namaa irratti gaaga’ama olaanaa geessisuu namni nuti bilbilaan Onichirraa dubbisne nuuf himee jira.
Itti dabaluunis namni kun akka jedhetti, manneen daldalaa, horii qe’ee fi manni jireenya uummataa guutummaatti ibiddaan gubachuu fi saamichi ulfaataan jiraattota irratti gaggeeffamuu nuuf ibsee jira.
Humnootni kun kanneen ammaan dura Onuma kana Gandeen akka Lalistuu Angar, Alii fi Dooroo Oborraa keessatti ilmaan Oromoo jumlaan fixuun, qe’ee fi qabeenya Oromoo onsan ta’uun mirkanaa’eera. Yeroo dheeraatif leenjii waraanaa fudhachaa kan turan humnootni Amaaraa kun yeroo ammaa uummata keenya irratti mootummaa PPn deggeramanii duula hamaa gaggeessuutti jirus jedhameera.
Kana malees humni waraana PP dabalataan Naqamtee irraa garasitti bobbaafamaa jiraachuullee jiraattonni ragaa bahaniiru.
