• Fri. Sep 11th, 2026

Ajjechaan Ilmaan Oromoo Akkuma Itti Fufetti Jira

Jun 18, 2022

Ajjechaan Ilmaan Oromoo Akkuma Itti Fufetti Jira.

[SQ Waxabajjii 18, 2022]

Godina Wallagga Bahaa Magaalaa Naqamtee keessatti dargaggoo Hundaa’ol Beenyaa sababa Oromummaa isaa qofaaf humnoonni Faashistii Bilxiginnaa Waxabajjii 17, 2022 rasaasa itti roobsuun ajjeesanii jiru.

Qeeroo Hundaa’ol Beenyaa hoggana olaanaa ABO kan ta’e obboleessa Jaal Lammii Beenyaatis jedhameera.

Magaalaa Naqamtee keessatti yeroo garaagaraatti dargaggoota adamsanii ajjeesuun irra deddeebiin akka raawwataa ture hunduu quba qaba.

Kunis qaamuma sanaa ta’uu maddeen Sagalee Qeerroo nuuf mirkaneessaniiru.


Again Extremely Graphic‼️
Please be warned⚠️

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading