• Thu. Sep 10th, 2026

Yeroo adda addaatti humnoota mootummaa abbaa irreetiin manneen hidhaa gara garaa kanneen akka Sanqalleefi Xoollaay dabalatee iddoowwan addaatti hidhamee dararamaa ture

Jun 27, 2022

B/saa Dirribaa Mokonnon jedhama. Yeroo adda addaatti humnoota mootummaa abbaa irreetiin manneen hidhaa gara garaa kanneen akka Sanqalleefi Xoollaay dabalatee iddoowwan addaatti hidhamee dararamaa ture.

Boodarra haalli kun hedduu waan itti ammaateef hojii idilee isaa dhiisee gara magaalaa Finfinneetti baqate. Dhiyeenya dhaabbata dhuunfaa Gasha microfinance s.c jedhamu keessatti qacaramee hojjetaa kan jiru yommuu ta’u, Jimaata darbe waaree booda akka lakkoofsa impaayeraatti guyyaa 18/10/2014 hojiif isa ba’e hanga har’aatti hin deebi’iin jiraachuu maatiin dubbatu.

Manneen hidhaa adda addaa keessa iyyaafatanis argachuu hin dandeenye. Uummatni Oromoo marti sagalee nuuf taatanii akka nuuf iyyaafattan adaraa isin gaaffanna jedhu.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading