Godina Lixa Wallagga Aanaa Mana Sibuu keessaatti Waraanni Mootummaa PP saamichaa fi uummata dararuu hammeessan.
( ONM-ABO Adoolessa 1,2022 )
Murni garboonfataa PP Waxabajjii 29,2022 ona Mana Sibuu keessa olii fi gadi kaachuun uummata dalagaa dhuunfaa isaa hojjetee jiraatu gooluu hammeessuun uummata manatti argan hunda gariin dhukaasaan gariin ammoo reebichaan goolaa oolaniiru.
Haaluma kanaan murni qindaa’ee samichaaf bobba’e kun lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu ganda Muka Arbaa Kiingaatti maqaa sakattaa WBO jedhuun bobba’uun uummata nagaa irratti dhukaasa bananii uummata qe’ee irraa baqachiisaa turan.
Ganda Muka Arbaa kana keessaa uummatni cufti, da’immaan xixiqqoo irraa hanga maanguddootti bosona keessa kan oolan yoo ta’u, loon midhaan uummatichaa jalaa dheeduun ooyiruu irraa midhaan badee jiraachuu jiraattootni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Ittuma dabaluun ganduma kana keessatti kan qe’ee isaanii balleessan irratti qabeenya isaan manaa qaban horii lubbuu qabduu fi harroota 30 ol saamanii deemuun jiraattoota naannichaa hiyyummaaf saaxilanii jiru.
Aanuma kana ganda Boorrataa Arbaattis gochuma wal fakkaataa kana itti dabaluun midhaan mana namootaa irraa walitti qabuun konkolaataatti fe’atanii kan deeman yoo ta’u dammaa fi buna qulqulluu kiiloogiraamii 100 ta’u saamuun barameera.
