Murni bilxiginnaa Oromiyaa bakkoota uummatni Amaaraa hedduminaan jiruu fi hin jirre jechuun ragaa funaannachaa jiraachuun barame.
( ONM-ABO Adoolessa 1,2022 )
Gareen maafiyaa bilxiginnaa bu’aa siyaasaa irraa argachuuf uummattoota gidduutti lolli akka dhalatu gochuuf uummata nagaa irratti tarkaanfii fudhatee akka uummatni Oromoo yookiin Waraanni Bilisummaa Oromoo fudhate taasisee ololchisuun duula waraanaa banee uummata nagaa itti ajjeesisuu sirnichi dhaloota isaa irraa eegalee hojii godhatee hojjechaa jira.
Haala kanaanis Waxabajjii 18,2022 tarkaanfii uummata nagaa Amaaraa irratti godina lixa Wallaggaa ona Gimbii ganda Tolee keessatti waraanni bilxiginnaa fudhate akka waan Waraanni Bilisummaa Oromoo fudhateetti dubbachuun yeroo ammaa Oromiyaa bakkoota garaagaraatti iddoo uummanni Amaaraa baay’inasn jiraatanii fi hin jirre jechuun ragaa funaannachaa jiru.
Unka ragaan bakka qubannaa uummata Amaaraa lakkoofsaan ibsu onoota Oromiyaa mara keessatti tamsa’e yeroo ta’u, ragaa kana waajjirri bulchiinsaa aanaa fi waajjirri bulchiinsaa fi nageenya aanaa galmeen sun sirnaan guutamee akka deebi’u irratti hojjechaa jiru.
Galmeen ragaa baay’ina uummata Amaaraa ibsu kun torbee kana onoota cufa irratti hojjetamaa kan jiru yoo ta’u galmee kanaan bakka uummatni Amaaraa baay’inaan jira jedhamutti humna waraana bilxiginnaa, poolisootaa humna addaa Amaaraa fi faannoo qubsiisuun eegumsa dabalataa gochuufiif akka deemu odeessa waajjira PP keessaa ba’e ni addeessa.
Murni bilxiginnaa yeroo garaagaraatti saboota Oromiyaa fi daangaa Oromiyaan wal daangesan irratti tarkaanfii fudhachuun Waraana Bilisummaa Oromoo itti balaaleffachiisuuf hojii karoorfatee hojjechaa ture ta’us armaan duras Baabboo Gambeel, Gullisoo fi Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti yaalii akkasii taasisuun tooftaan isaa harkatti fashalaa’uun ni beekama.
