Kibba lixa shaggar Aanaa Walisoofi Aanaa Wanciitti hidhaan Dargaggoota fi Jiraattota irraatti Jabaate jira. Aanaa Walisoo magaala Dilallaa keessatti dargaggoo
(SQ-Adoolessa 11/2022)
- Mokee Tirfessaa
- Abbuu Abarraa jedhaman guyyaa kaleessa Adoolessa 10/2022 hidhaman.
Akkasuma Aanaa Wancii Gandaa Dulelee Billaachaa Mana #Obbo_Namsoo_Fayyisaa gubuun qabeenya guutuu jalaa barbadeessuun matii guutuu dararaanii kaan ukkamsanii deeman.
Matii hidhaman keessaa - Obboo Fixumaa Amdisaa
- Obboo Lammaa Gammachuu fi Dubartii maqaa isaanii hin argannee tokko waliin qabanii uukkamsaan.
Haroo wancii keessattis Guyyaa hardhaa Adoolessa 11/2022 dargaggoota
- Damisee Tafarraa
- Daniel Abdiisa
- Mosisaa Warqinaa fi warreen ammaaf maqaa isaanii hin argannee biroo waliin ukkaamsuun itti fufee jira.
