Ona Saasiggaatti Waraanni Muurna PP Uummata Nagaa Ajjeesuun Dhagaa’ame
[SQ Adoolessa 19/2022]
Guyyaa dheengaddaa jechuunis Adoolessa 17 waaree booda irraa eegaluun himnootni Bilxiginnaa hawaasa nagaa meesha maleeyyii irratti dhukaasuun yoo xiqqaate namoota dhibbaan lakkaa’amu ajjeesuu maddeen Sagalee Qeerroo ifoomsaniiru.
Akka odeessi arganne ibsutti yakki kun hawaasa irratti kan raawwatame Ggandoota akka Saddeetii fi Afur jedhaman keessatti ta’uun mirkanaa’eera.
Yeroo ammaa kana waraanni PP uummata nagaa jireenya dhuunfaasaa jiraatu goolaa jiraachuun beekameera. Uummannis nuuf birmadhaa jechuun Oromoo maratti iyyachaa jira.
