Ajjeecha Suukanneessan Waraana Mootummaan raawwatama jira.
(SQ-Adoolessa 26/2022)
Kibbaa Lixa shaggar Aanaa Ammayyaatti Qeerroo maqaa hidhataa Waraana bilisummaa Oromoo faana qabdu jedhuun gaafa Guyyaa 10/11/2014 Waraana Bilxiginnaatiin Ganda Beeroo sallanii qabamuun
- Borjee Fayisaa
- Guluumaa Acaaluu
3.Fixumaa Alamuu Gandaa Dhankaka
Ganda Xummitti ajjeessanii gatan akkasumas
Guyyaa kaleessaa jechuun gaafa 18/11/2014 maqaa WBO deegartuu jedhuun namaa maqaan isaa ammaaf adda hin baanee A/Ammayyaa Gandaa Gomboreeti ajjefamee dandii irraati gatamee kan jiru ta’u.
Gandootaa akkaa Dalledak fi Arroojji tti ammoo mana nama fi qabeenyaa isaani gubaa jirachuu, guyyaa hardhaa kana illee manneen baay’ee gubachuun uummatni baqachuun bosonatti galaa jiraa.
Namootaa baay’ee ukkamsuun jiruu isaa irraa hidhuun waktii kana akkaa hin hojjatannee tadisuun hidha jiru.
