Wallagga Bahaa Ona Limmuu Galiilaatti Hidhaan Jabaatee Itti Fufeera.
[SQ Adoolessa 28/2022]
Guyyaa dheengaddaa jechuunis, Adoolessa 26/2022 irraa eegalee hawaasni Ona Limmuu gandoota akka Dagam, Kooba Taattoo fi Muka-Arbaa jedhamuun beekaman keessatti hawaasni nagaa humnoota mootummaa Bilxiginnaatiin guuramanii hidhaatti naqamaa jiraachuu odeessii arganne ni ibsa.
Uummanni waqtii ammaa kana hojii qonnaa fi kanneen birootti bobba’ee argamus sababa muurna PPtiin haalli itti hojjetanii jiraatan rakkisaadha. Bakka hojii isaaniirraas jumlaan hidhamaa jiru.
Haaluma kanaan gandoota kana keessaa namoota armaan gadii humni PP qabee hidhee jira.
1) Bashoo Teekkuu
2) Darajjee Hulluuqaa
3) Gammachuu Dheerreessaa
4) Xaaheer Alamuu
5) Kadiijjaa Margaa
6) Alamii Qana’aa
7) Geetahuun Abdulqaadir fi kanneen biroo qabamuun hidhamanii jiru.
Haaluma wal fakkaatuun Ganda Muka-Arbaatii ammoo:
1) Aadde Dammituu Seeqqataa
2) Obbo Hirphaa Ayyaanaa
3) Obbo Amanuu Dassaaleny
4) Aadde Gabayee Seeqqataa fi
5) Obbo saffaa Abbaabaa kan jedhaman qabamuun hidhamanii jiraachuu jiraattonni dubbatu.
Walumaa galatti haalli Onichi keessa jiru haalaan ulfaataa fi yaaddessaa ta’aa dhufee jira jedhu maddeen irraa odeeffanne.
