• Sat. May 9th, 2026

Muurni Wanbadeen Faannoo Jedhamu Ilmaan Oromoo Jiraatti Gidirsanii Booda Ajjeesuun Akkuma Itti Fufanitti Jiru

Jul 29, 2022

Muurni Wanbadeen Faannoo Jedhamu Ilmaan Oromoo Jiraatti Gidirsanii Booda Ajjeesuun Akkuma Itti Fufanitti Jiru.

[SQ Adoolessa 29/2022]

Tibbana akkuma beekamu miidiyaalee hawaasaa irra bslinaan suurri heedduu nama naasisu naanneffamaa turuun beekamaadha. Heedduun namaas taate kana miira aarii ittiin ibsachuun alatti eenyummaa nama bifa kanaan ajjeefamee, bakka taatee kanaa fi eenyu gocha kana akka raawwatellee haala ifa ta’een kan qoode hin turre.

Haa ta’u malee tuutni Sagalee Qeerroo gama addaa addaatiin odeessa argateen gochi sukkaaneessaan kun kan rawwatame Kaaba Oromiyaa Walloo Kamisee naannawaa Jillee Dhummugaa magalaa Haxxaayii (Makkannaa) jedhaamtu kessaati akka raawwatamee fi gochi kun kan rawwaatames xiqqoo akka bubbuleeru maddeen keenya nuuf eeraniiru.

Ta’us gocha gara-jabeenyaa kana kan raawwatan humnoota ergamni isaanii hawaasa mirga isaaf qabsaa’uu fi gaaffii eenyummaa gaafatu mara lafarraa dhabamsiisuu ta’an garee Faannoo jedhaanii of waamaniin ta’uun beelameera.

Gochi kun kan irratti raawwatame qotee bultoota Walloo kan dhimma isaaniif karaa deeman baay’inaan nama lama ta’anii fi gochichi kan raawwate toorban tokko dura magaalaa Haxxaayiitti akka ta’es ragaan odeeffannoo namaa arganne ifa godha. Namoota kanneen erga butaamanii achi buutee isaanii dhabamsiisanii booda, nama kana akkasiin arguu fi kanneen kaan ammoo haala gara jabinaan qaamarraa uffata cicciruun qullaa isaanii erga gidirsanii booda reeffa bineensi nyaate, kan lafeen qofti mul’atu ijoolleen horii tiksitu akka argites odeessi garasii argannr ifoomsee jira.

Yaaliin maqaa nama kanaa fi kanneen biroo adda baafachuuf goone hanga ammaa hin milkoofne. Nutis akkuma arganneen kan isiniif gabaasnu ta’uu gamanumaan ibsuu barbaanna.

Gochi sukkaneessaan kun ta’e jedhamee waggoottan lamaa asitti bifa gara-jabinaan adeemsifamaa jiraachuun brekamaadha. Humna shiftaa Faannoo fi Humna Addaa Naannoo Amaaraatiin uummatni keenya Walloo gaaga’ama ulfaataa keessatti argama. Uummanni kun badii homaa godhee osoo hin taane, Oromummaa isaanii qofaaf itti yaadamee duulli hamaan irratti godhamaa jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading