• Sat. May 2nd, 2026

Hidhaa fi dararaan ilmaan oromoo golee oromiyaa keessa jiran irra gahaa jiru daran hammaatee jira

Jul 31, 2022

Hidhaa fi dararaan ilmaan oromoo golee oromiyaa keessa jiran irra gahaa jiru daran hammaatee jira.

(SQ-Adoolessa 31/2022)

Giddugala Bahaa Shaggar Ona Boosat Ganda ๐—›๐˜‚๐—น๐—น๐˜‚๐˜‚๐—พ๐—พ๐—ผ๐—ผ jedhamu keessatti har’a ganama Adoolessa 31/7/2022tti waraanni shiftaan mootummaa PP nama nagaa kan jireenya dhuunfaa isaa jiraatu ๐—ž๐—ฎ๐—น๐—ถ๐—ถ๐—น ๐—ท๐˜‚๐—ป๐—ฑ๐—ถ๐—ถ nama jedhamu iddoma jireenyaa isaatti rasaasan rukkuttee yeroo ammaa hospitaala seenee jira
namoota 5ni ol ammoo qabdee deemtenii jirti.

Waraanni shiftaan mootummaa PP amma duras ganduma ๐—›๐˜‚๐—น๐—น๐˜‚๐˜‚๐—พ๐—ผ๐—ผ jedhamu kana keessatti Adoolessa 18/7/2022tti manguddoo ๐—”๐—ณ๐—บ๐—ฎ๐—ฑ๐—ผ๐—ผ ๐—š๐—ฎ๐—น๐—ฎ๐˜๐—ผ๐—ผ jedhamu badii tokko malee iddoma isaatitti gara jabinaan ajeeftee biraa deemuu ishee isiniif gabaasuun keenna ni yaadatama.

Hawaasni oromoo ganda hulluuqqoo jedhamu kana keessa jiraatu guyya gara guyyatti waraan shiftaa PPtiin dararamaa jiru.
Hawaasn nagaa dalagatee of jiraachisuu hin dandeenye rakkoo hamaa keessa jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading