• Tue. Nov 24th, 2026

Waraanni Mootummaan Bobbaase Obboloota lamaan ajjeesan

Aug 4, 2022

Waraanni Mootummaan Bobbaase Obboloota lamaan ajjeesan.

(SQ-Hagayya 4/2022)

Oduu Gaddaa!

Guyyaa har’aa humni waraanaa Abiy bobbaase Oromiyaa lixaatti obbolaan haadhoo lama manaa baasee rashane!

Wallagga Bahaa Ona Gidda Ayyaanaa Ganda Guddinaa Calliyaatti Mootii Dhaabaafi Lammii Dhaabaa kan jedhaman ajjeesuutu dhagahame. Mootiin barsiisaa yommuu ta’u, Lammiin yuunversiitii irraa eebbifamee lamaan isaaniiyyuu boqonnaa gannaaf maatii isaanii bira osoo jiraniiti kan sababa Oromummaa isaaniitiif ajjeefaman.

Egaan sirni jiraachuu ilmaan Oromoo hadheeffate kun ajjeechaa gara jabinaa kana irratti raawwachuudhaan mana haadha Oromoo gaddaan golgoleesse.

Leave a Reply