Murni Shiftaa Ajjechaa fi dararaa ilmaan Oromoo akkuma itti fufetti jira.
(SQ-Hagayya 06, 2022)
Godina Shawaa Lixaa aanaa Ilfataatti waraanni mootummaa nama nagaa ajjeesuun ibsame.
Kana malees manneen qonnaan bultootaa danuu ibiddaan gubachuu maddeen mirkaneessaniiru.
Ganda Gossoo Mikaayilii jedhamutti guyyaa 2 dura waraanni mootummaa nama nagaa Kurruu Isgiisaa jedhamu badii tokko malee ajjeessun manneen qonnaan bultoota 11 ammoo ibiddaan kan guban tahuudha dubbatan.
Namoonni manni fi qabeenyii isaanii waraana mootummaatiin jala barbada’e kunneenis
- Obbo Moosisaa Guddisaa
- Obbo Lishuu Moosisaa
- Obbo Dajanee Magarsaa
- Obbo Alamuu Magarsaa
- Obbo Taaddasaa Caalchisaa
- Obbo Guutamaa Mirkanaa
- Obbo Guddataa Lammeessaa
- Obbo Lammaa Guddataa
- Obbo Darajjee Awaash
- Obbo Salamoon Nugusee fi
- Obbo Bojaa Fufaa ta’uu jiraattotatu nutti hime.
Maatiin manneen isaanii ibiddaan jalaa barbadaa’e waytii gannaa kanaan dahoo dhabanii roobaa fi qorra hamaaf saaxilamanii jiraachuu maddeen naannichaa himaniiru.
