• Sat. Mar 14th, 2026

Godina Iluu Abbaa Booraa ona Noonnoo Sallee keessatti dararaa waraana bilxiginnaa uummata irratti qaqqabu hammaate

Aug 9, 2022

Godina Iluu Abbaa Booraa ona Noonnoo Sallee keessatti dararaa waraana bilxiginnaa uummata irratti qaqqabu hammaate.

ONM-ABO Hagayya 9,2022 Uummatni Oromoo erga Abiy Ahimed aangoo siyaasa impaayeerattii irratti ol ba’uun sirna moototaa duraanii deebisee as qe’een Oromoo nagaa argate hin jiru.
Godina Iluu Abbaa Booraa ona Noonnoo Sallee keessatti waraanni sirna bilxiginnaa kanneen poolisii humna addaa Oromiyaa fi farra riphee lolaa jechuun murnichi achi qubachiise uummata Oromoo saamaa, shamarran Oromoo dirqiin gudeedaa fi badii tokko malee namoota hidhaa akka jiran maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru.

Akka maddeen jedhanitti waraanni bilxiginnaa kun mooraa isaaniitii ba’uun yeroo hawaasa keessa socho’aniitti uummaticha akka diinaatti ilaaluun gochaalee uummata dararan qofa raawwachuun uummataatti jireenya hadheessanii jiraachuun dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading