Miseensootni Waraana sirna PP sirnicha ganuu itti fufuun miseensi waraana isaanii tokko sirnicha keessaa ba’uun WBOtti harka kennate.
ONM-ABO Hagayya 10,2022 Ilmaan Oromoo Osoo hin beekinis ta’e dirqiin qabamamuun sirna balfamaa Minilik tiksaa jiran meeshaa fi hidhannoo ittiin uummata Oromoo akka dararaniif itti kenname fudhachuun gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachuu itti fufani jiru.
Haaluma kanaan Hagayyaa 9,2022 godina Qellem Wallagga Aanaa Gidaamii ganda Burii maqaa sakatta’insa WBO jedhuun kan qubsiifaman keessaa miseensi Raayyaa Ittisa Biyyaa tokko meesha fi hidhannoo guutuu waliin sirnicha ganuun WBOtti harka kennate jira.
Miseensi Waraana bilxiginnaa kun akka jedhetti ani sirna cubbama kana tajaajile , uummata kiyya hin dararuu jechuun meeshaa kilaashii dachaatu tokko, rasaasa 180 hidhannoo guutuu waliin mooraa qabsoo Bilisummaa Oromoof galii godhee jira.
Kana malees akka Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbisuun yaada isa hubatetti ilmaan Oromoo moonaa Bilxiginnaa keessa jiran arrabsoon sanyummaa irratti xiyyeeffate irra ga’aa jiraachuu fi eegumsi ilmaan Oromoo miseensa waraana bilxiginnaa irratti qofaa jabaate akka jiru ibseera.
Erga inni mooraa diinaa kana keessaa ba’e ilmaan Oromoo afur kan gabaasni kun qindaa’etti WBO bira hin ga’in mooricha keessaa meeshaa isaanii qabatanii baduu dabaluun ifoomseera.
