Barataa Oromoo Yakka malee, Hidhaman.
(SQ-Hagayya 13/2022)
Yuunivarsiitii Diillaa!
Mooraa Yuunivarsiitii Diillaa keessatti barattoonni keenya dararaa hamtuu argaa jiru, barattoonni keenya humnoota mootummaatiin ukkaamfamanii hidhamaa jiru. Barattoonni ammatti hidhamanii jiran, barataa Wanduu Zannabaa fi barataa Abunaa kanneen suura irratti argitan yemmuu ta’u, barattoota 13 irraa immoo waraqaan eenyummaa guuramee jiraachuun barameera.
