• Sun. Nov 22nd, 2026

Godina Arsii Lixaa Magaalaa Shaashamannee Keessatti Bajaajii fi Konkolaachisaa Isaa Waliin Hidhaanii Jiraachuun Dhagaa’ame

Aug 17, 2022

Godina Arsii Lixaa Magaalaa Shaashamannee Keessatti Bajaajii fi Konkolaachisaa Isaa Waliin Hidhaanii Jiraachuun Dhagaa’ame.

ONM-ABO Hagayya 17,2022 Murni bilxiginnaa ilmaan Oromoo badii tokko malee hidhee dararuu dalagaa guyyuu godhachuun godina Arsii Lixaa bulchiinsa magaalaa Shaashamannee keessatti konkolaachisaa baajajii fi baajaajii walitti qabuun hidhanii jiru.

Dilbata Hagayya 14,2022 bulchiinsa magaalaa Shaashamannee ganda 010 keessatti konkolaachisaa baajaajii kan ta’ee fi galii achi irraa argatuun kan of jiraachisu dargaggoo maqaan isaa Siraaj Mohaammad jedhamu qabanii hidhanii jiru.

Dargaggoon Siraaj jedhamu jiraataa magaalichaa ganda 01 yoo ta’u buufata poolisii magaalattii ganda 010 jiru keessatti baajaajii waliin hidhamee jira.

Qeerroon kun badii tokko osoo hin qabaatiin Waraana Bilisummaa Oromootii nyaata geessitee deebita ittiin jechuun qabanii dalagaa idilee isaa irraa hidhanii fala tokko malee hidhaan guyyaa arfaffaa lakkoofsisee jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa magaalaa Shaashamannee gabaasaniiru.

Leave a Reply