Miseensi raayyaa ittisa impaayeera Itoophiyaa tokko sirnicha ganuun gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennate.
ONM-ABO Hagayya 17,2022 impaayeera Itoophiyaa akka tiksaniif ilmaan Oromoo godinaalee garaagaraa irraa humnaan qabuunii fi faayidaan goyomsee leenjii waraanummaa erga kenneefii lolaa dirree lolaatti yeroo bobbaafaman sirnicha gananii keessaa badaa jiru.
Sirna bilxiginnaa lafee uummata Oromoon impaayeerattii itti fufsiisuuf karoorfatee hojjechaa jiru keessatti waraanummaan kan tajaajilaa ture ilmi Oromoo tokko dheengadda Hagayya 15,2022 sirna cubbamaa fi dabaa dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasaa jiru godina Gujii lixaa ona Bulee Horaa mooraa magaalaa Qilleensoo keessa ganuun gara qabsoo saba isaa Waraana Bilisummaa Oromoon durfamutti harka kennate jira.
Ilmi Oromoo kun miseensummaa raayyaa ittisa impaayeerattii gosa koomaandoon tajaajilaa kan ture yoo ta’u, yeroo mooraa diinaa ganee ba’utti qawwee AKM Turkii 1, boombii 2, rasaasa AKM 215 fi hidhannoo qabachuun mooraa diinaa haphiisee mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo gabbisee jira.
Ilmi Oromoo kun haala mooraa waraana bilxiginnaa yeroo dubbatu, mooricha keessa waliigalteen akka hin jirree fi mirgi ijoollee Oromoo sarbamaa ta’uu ibsuun sirnichi lolee injifachuuf osoo hin taane namoota dheebuu aangoo isaanii hin baane irratti tiksuuf lubbuun ilmaan haadha hiyyeessaa itti dhumaa jira jedhe.
Xumura irrattis dabaa fi cubbuu miseensa raayyaa ittisa impaayeera Itoophiyaa ta’uu qofaaf dalage hawaasa dhiifama gaafatee, ilmaan Oromoo achi keessa jiraniif akka isaan sirnicha gananii ba’aniif waamicha dhiheessee jira.
