• Mon. Mar 16th, 2026

Godina Gujii Lixaa ona Bulee Horaa keessatti waraanni sirna PP ilmaan Oromoo lama ajjeesuu jiraattoonni dubbatan

Aug 20, 2022

Godina Gujii Lixaa ona Bulee Horaa keessatti waraanni sirna PP ilmaan Oromoo lama ajjeesuu jiraattoonni dubbatan.

ONM-ABO Hagayya 20, 2022 balfamaan impaayeera Itoophiyaa waraana isa naatoo uummaataaf hin qabne uummatatti bobbaasuun guyyaa guyyaan ilmaan Oromoo nagaa ajjeesu itti fufe jira.

Haala kanaanis godina Gujii Lixaa ona Bulee Horaa ganda Qilleensoo Mokkoonniisaa keessatti kaleessa Hagayya 19,2022 ilmaan Oromoo lama bakka hojii isaaniitii fuudhuun ajjeesanii gatuu jiraattootni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Ilmaan Oromoo Oromummaa isaani qofaan yakkamun ajjeefaman kun Biraanee Bejenee Baqataa fi Quuxee Biraanuu Bokkoo kan jedhaman yoo ta’u waraannii faashistii Abiy Ahimed kun maatiin reeffaa kaasani akka hin awwaallannes dhorkachuu maddeen ibsaniiru.

Godina Gujii Lixaa ona Bulee Horaa keessatti waraanni maqaa sakatta’iinsa WBOtiin bobbaafaman ilmaan Oromoo nagaa ajjeesu irratti xiyyeeffatanii hojjechaa jiraachuun ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading