• Sun. Jan 11th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa ona Qilxu Kaarraa Keessatti Hidhaa, Saamichaa fi Gudeeddiin Haammatee jira

Aug 20, 2022

Godina Lixa Wallaggaa ona Qilxu Kaarraa Keessatti Hidhaa, Saamichaa fi Gudeeddiin Haammatee jira.

ONM-ABO Hagayya 20,2022 Wallaggaa ona Qilxu Kaarraa keessatti uummata nagaa badii tokko malee hidhuu itti fufuun Hagayya 15,2022 nama maqaan isaa obbo Jaarraa Milkii jedhamu badii tokko malee magaalaa keessatti doqdoqqee irraa buusuun nana hidhaatti darbanii jiru.

Itti dabaluunis bakka adda naannoo mana barumsaa sadarkaa lamaaffaa ona Qilxu Kaarraa keessatti manneen namootaatti ol seenuun qabeenya uummata saamuu, reebichaa fi gudeeddii raawwatanii jiru.

Gochoota farrummaa ilmaan Oromoo irratti hojjechuuf kan duubatti hin deebine waraanni murna bilxiginnaa saalfii tokko malee abbaa fi haadha biratti shamarran kan gudeedan yoo ta’u halkan walakkeessa mana hawaasaatti ol seenuun shamarran Oromoo gadi baasanii gudeedaa jiru.

Kana malees ona Qilxu Kaarraa keessatti namoota akka obbo Qananii Haroo , Efreem Gammachuu, Gammachuu Bulchaa, Waaqgaarii Bulchaaa, Nagaasaa Guddaataa fi barsiisaa Qabannaa Shiffarraa kanneen irratti doorsisa geggeessanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading