Oromiyaa Guutuu Keessaatti Hidhaan Akka malee, jabaate itti fufeera.
(SQ-Hagayya 20/2022)
HIDHAA
Hagayya 20, 2022
Maatii qabsaa’otaa hidhuu fi dararuun furmaata hin ta’u.
Guyyaa kaleessaa, Hagayya 19, 2022 godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Bachoo magaalaa Tullu Boollootti shamaree Hawwii Dhaabaa humna faashistii pp’tiin ukkaamfamte.
Hanga ammaatti eessa akka jirtu wanti barame hin jiru.
Abbaan kee waraana shaneeti; eessa akka jiru nutti himi jechuudhaan erga doorsisaniin booda ishee irraa deebii tokkollee dhabnaan mana jireenya isheetii badii tokko malee ukkaamsanii deemani.

