Dagaggoota Oromoo Mana Hidhaa keessa Jiran maqaa Humna Nageenyan Of waaman baasuun ajjeesaa jiru.
(SQ-Hagayya 24/2022)
Giddu galeessa Oromiyaa Ona Salalee Aanaa Warra Jaarsoo Keessaatti Waraanni Mootummaafi Milishaan Qindoominaan Sabboontoota yakkanii Hidhaatti guuraa turan baasuun ajjeesa jiru.
Bifuma kanaan, Dargaggoo Darajjee Amansiisa fi Shifarraa Galaanee tulluu milkiitti waraana mootumman ajjeefaman hanga ammaa reeffa akka hin kaafnes dhorkaman.
Namoonni baay’en hidhaa baafamanii ajjeefamuu malu shakkii jedhuun maatin hidhamtootaa cinqiitti jira.
