Ilmaan Oromoo mana hidhaa bulchiinsa magaalaa Buraayyuu keessa jiran dararaa argaa kan jiran yoo ta’u achuma Finfinnee fi naannoo isheetti waraanni bilxiginnaa yaaddoo uummatatti uumee jiraachuun barame.
ONM-ABO Hagayya 27, 2022 Waraana murna bilxiginnaan badii tokko malee adamsamanii qabamuun manneen hidhaa bulchiinsa magaalaa Buraayyuu garaagaraa keessatti kan hidhamanii jiran dararamaa jiru.
Keessayyuu Ilmaan Oromoo maqaa lixa Oromiyaa fi Lixa Shaggar irraa dhufteen waraqaan eenyummaa isaanii ilaalamee hidhaaf saaxilaman waajjira poolisii 3ffaa naannoo Gafarsaatti argamu keessatti rakkoof saaxilamanii jiru.
Ilmaan Oromoo hidhamanii jiran lakkoofsaan 1000 ol yoo ta’an murtii malee hidhamuun sababa manni hidhichaa guuteef dhiphinaa fi ala buluu irraan kan ka’e dhibeef saaxilamanii yaala dhabuun dararaa argaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa ibsaniiru.
Oduu biraatiin torbee kana bulchinsa magaalaa Finfinnee fi naannoo isheetti humni murna bilxiginnaa hidhatee socho’u cufti ija shakkiin namoota ilaaluu, gaaffii itti baay’isuu, sakkattaa fi qe’ee gidduu deemuun jiraattootatti yaaddoo uumee jiraachuu maddeen ibsan.
Jiraattootatti yaaddoo uumuun kana yeroo darbe maqaa Alshabaabtu seenaan diraamaa Soomaalee keessatti hojjetaniin shororkaa uumaa kan turan yoo ta’u amma ammoo dhimma lola Tigraay waliin murni bilxiginnaa eegaleef Finfinnee keessaa uummata hiraarsaa jira.
Murni bilxiginnaa Abiy Ahimed bara 2021 yeroo TPLF gara Finfinneetti dhufaa jira jedhame labsii yeroo muddamaa labsee magaalaa Finfinnee keessaa uummata ittiin doorsisaa fi hidhaa turuun ni yaadatama.
