• Sun. Jan 11th, 2026

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Laaloo Qilee keessatti qeerroowwan Oromoo irratti hidhaan hammaate.

Aug 29, 2022

ONM-ABO Hagayya 29,2022 Kaabinoonni fi waraanni faashistii impaayeera Itoophiyaa ilmaan Oromoo nagaan qe’ee abbaa isaanirraa jiraachu dadhabsiisuun, Oromiyaa bakkoota hedduutti hidhaa fi ajjechaa jabeessuun ilmaan Oromootti ba’uu fi galuun yaaddoo ta’ee jira.

Akka kanaan galgala Hagayyaa 27,2022 godina Qellem Wallaggaa aanaa Laaloo Qilee ganda Dogannoo Dhummugaa keessaa qeerroowwan Oromoo sadii waraanni faashistii PP mana maatii isaaniitii qabuun erga reebicha hamaa irraan ga’aniin booda mana hidhaa onichaatti darbuun dararaa jiru.

Qerroowwan sadan waajjira poolisii aanaa Laaloo Qilee keessatti hidhamanii dararamaa jiran kunis Rufoo Bulchaa Konii, Iddoosaa Shuulaa Eebbaa fi Garramuu Gabbisaa Kallachoo kanneen jedhaman ta’uu maddeen ona Laaloo Qilee Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Qeerrowwan hidhaman kanas murni bilxiginnaa ija shakkii ilaaluun waan isaan hin qabne itti maxxansuun hidhee dararaa kan jiruu yoo ta’uu , qeerroowwan kun namoota nagaa hojii maatii fi dhuunfaa isaanii qofa xiyyeeffatanii hojjetan malee hirmannaa siyaasaa kam irraa iyyuu namoota hin qabne ta’uu jiraattotni maddeeniif himaniiru

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Laaloo Qilee keessatti qeerroowwan Oromoo irratti hidhaan hammaate.

ONM-ABO Hagayya 29, 2022 Kaabinoonni fi waraanni faashistii impaayeera Itoophiyaa ilmaan Oromoo nagaan qe’ee abbaa isaanirraa jiraachu dadhabsiisuun, Oromiyaa bakkoota hedduutti hidhaa fi ajjechaa jabeessuun ilmaan Oromootti ba’uu fi galuun yaaddoo ta’ee jira.

Akka kanaan galgala Hagayyaa 27,2022 godina Qellem Wallaggaa aanaa Laaloo Qilee ganda Dogannoo Dhummugaa keessaa qeerroowwan Oromoo sadii waraanni faashistii PP mana maatii isaaniitii qabuun erga reebicha hamaa irraan ga’aniin booda mana hidhaa onichaatti darbuun dararaa jiru.

Qerroowwan sadan waajjira poolisii aanaa Laaloo Qilee keessatti hidhamanii dararamaa jiran kunis Rufoo Bulchaa Konii, Iddoosaa Shuulaa Eebbaa fi Garramuu Gabbisaa Kallachoo kanneen jedhaman ta’uu maddeen ona Laaloo Qilee Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Qeerrowwan hidhaman kanas murni bilxiginnaa ija shakkii ilaaluun waan isaan hin qabne itti maxxansuun hidhee dararaa kan jiruu yoo ta’uu , qeerroowwan kun namoota nagaa hojii maatii fi dhuunfaa isaanii qofa xiyyeeffatanii hojjetan malee hirmannaa siyaasaa kam irraa iyyuu namoota hin qabne ta’uu jiraattotni maddeeniif himaniiru

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading