• Sat. Mar 14th, 2026

Humnoota Nageenya jechuun Mootummaan Oromiyaa keessaatti Bobbaase Dargaggoota Oromoo ajjeesa jiru

Aug 29, 2022

Humnoota Nageenya jechuun Mootummaan Oromiyaa keessaatti Bobbaase Dargaggoota Oromoo ajjeesa jiru.

(SQ-29/2022)
Giddu Galeessa Oromiyaa Ona Warraa Jaarsoo magaalaa Tulluu milkiitti Qaamonni Maqaa Nageenya Eegsisuun Mootummaan Meeshaa Waraana Hidhachiisee Bobbaasa Uummata Oromoo irraatti gaga’ama Ulfaata geesisaa jiru jedhu Jiraattoonni.

Maqaa milishaafi Gaacha Sirna Jedhamuun kan bobbaafaman Qaamonni kun Oromiyaa Guutuu keessaatti Mana Qotee Bulaa Gubuu, Shamarran Oromoo Dirqiin Gudeeduu, Dargaggeessa Hanga Jaarsaatti Rasaasaan ajjeesaa jiraachuu Kanaan dura Sagaleen Qeerroo Bilisummaa Oromoo gabaasa tureera.

Hagayya 28/2022 humnoonni Kun MagaalaaTulluu Milkiitti Dargaggoota sadii Yakka tokko malee, Rasaasaan rukutuun isaani himame. Dargaggoota Rasaasan rukutaman kanneen keessaa Dargaggoo Salamoon Danyee batalumaattu du’aan Addunyaa kanarra yoo boqotu. Dargaggoo Geetuu Balaay fi dargaggoon maqaansaa adda hin bahin miidhaa ulfaatan irra qaqabeera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading