• Fri. Mar 13th, 2026

Gabaasa tarkaanfii gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo

Aug 30, 2022

Gabaasa tarkaanfii gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo

ONM-ABO Hagayya 30, 2022 Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo tarkaanfii laalessaa waraana weerartuu bilxiginnaa irratti fudhatu itti fufuun godina Lixa Shaggar ona Gindabarat bakkoota sadii irratti tarkaanfii jabaa fudhatee jira.

Dheengadda Hagayya 27,2022 korommiin WBO zoonii gidduu galeessaa Lixa Shaggar ona Gindabarat bakkoota sadii keessatti sa’a wal fakkaataattu tarkaanfii boonsaa fudhatee jira.

Ona Gindabarat magaalaa Dirree Faajjii keessatti tarkaanfii laaleessaa fudhateen mooraa ishee magaalattii keessaa buqqisee jira.
Bulchinsa magaalaa Jarjaraa irraa warra Dirree Faajjii irratti gooticha Waraana Bilisummaa Oromoon lolamaa jiraniif birmannaaf baate haxxee hidhuun hedduu ajjeesee gariin madeessee jira.

Lola Dilbata darbe kana taasisameen magaalaa aanichaa Kaachisii jalatti kan argamtu Daamota bakka jedhamu irraa humna reebduu deemaa turte karaatti rasaasaan akaa’uun baarudaan macheessee du’aa fi madoon adabee jira.

Walumaagalatti tarkaanfii leencotni ilmaan Oromoo WBOn zoonii giddu galeessaa Lixa Shaggar ona Gindabarat bakkoota garaagaraa sadiitti fudhateen battalatti 30 yoo ajjeesu 21 madeessuun injifannoo cululuqaa argamsiisee jira.

Bilisummaa dhugaan afaan qawwee jira.

Horaa bulaa deebanaa

Injifannoon Uummata Oromoof!

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading