Hawaasa Oromoo Pensilvaaniyaa -The Oromo Community of Pennsylvani
Date 09/02/2022
Mata-duree:- Ajjeechaa Dhiha Oromiyaatti humna faannootiin raawwatame ilaalchisuun ibsa kenname.
Ajjeechaa suukanneessaa humna addaa finxaaleyyii mootummaa naannoo Amaaraa faannoon durfamuun dhiha Oromiyaa Godina Horro Guduruu Wallaaggaa naannoo Aanaa Amuruu keessatti raawwatame Hawaasni Oromoo kutaa Pennsylvania guddifne balaaleffanna. Finxaaleyyiin kun, daangaa Oromiyaa cabsanii scenuun ajjeechaa fi roorroo saba keenya irraan ga’aa akka turan beckamaadha. Ajjeechaa suukanneessaan akkanaa saba Oromoo nagaan hojii fi jireenyasaa geggeeffatutti ba’uun garmalee galaafachuun daran kan durii irra caalaatti hamamatee jira. Gareen biyya bulchus rakkoo kana furuu utuu danda’uu maal na dhibdeen yemmuu ilaalu, kana bira darbees humnoota badii naannoo amaaraa kanaaf golgaa ta’uun roorroo uummata keenyaa irra gahaa jiru ukkaamsuuf yaalii yemmuu taasisu argina, Dirqamni mootummaa inni hangafni nageenyaa uummataa tiksuu ta’uu dagachuun itti gaafatama scenaa fi secraa jalaa akka nama hin baasne jabeessince yaadachiisna.
Kana malees hoggantoonni dhaabbilee siyaasaa mormituu, midiyaalee fi dhaabbileen hawaasummaa gara garaa dhimma kanaaf xiyyeefannoo barbaachisu akka kennanii irratti hojjetan jabeessinee dhaammanna. Daangaan Oromiyaa kallattii kamiinuu jiru cabuunii fi miidhaan Oromoota naannoo daangaan cabec jiraatan irra gahu miidhaa Oromoo hunda irra gahu akka ta’cetti hubatamee, har’as akkuma kaleessaa waloon dhaabannee roorroo kana akka ofirraa qolannu hawaasa Oromoo hundumaaf dhaamuu barbaanna.
Hawaasni Oromoo Pennsylvania, saba keenya miidhaan haamaa irra gahee qe’ee fi qabeenya isaa samaamee baqataa jiru deebisanii dandamachiisuuf tattaafiin akka taasifamu irratti hojjenna. Kanaafis dhiyeenyatti walgahii hatattamaa mijeessinee hawaasni keenya hunduu kan irratti hirmaatuu sagantaa galii walitti qabuu (humanitarian response) tokko ni qopheessina. Hawaasni keenya isa kanaf akka qophaahu, akkasumas hawaasa Oromoo biyyaa ambaa jiraatan hunduu rakoo kanaaf akka dirmatan kallatti quunnamtii qabnu hundumaan sagalee keenya haa dhageessisnu. Kana malees badii humnoonni finxaaleyyii Faannoo Amaaraa kuni biyya sana keessatti raawwataa jiran, mootummaa Ameerikaattis ta’e hawaasa balaa adunyaatti beeksisuuf tattaaffii taasifamu hundumaa keessatti adda durummaan hirmaachuun gahee keenya akka baanu wal yaadachiifna.
Nagaa wajin,
Hawaasa Oromoo Pensilveeniyaa

