Godina Bunnoo Beddellee ona Makkoo gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo dhuunfachuun hawaasa tarsiimoo isaa barsiisee akka hojii idilee isaaniitti deebi’an taasise.
ONM-ABO Fulbaana 6,2022 Abdiin bilisummaa fi walabummaa Oromoo fi Oromiyaa Waraanni Bilisummaa Oromoo tarkaanfii laalessaa kaleessa Fulbaana 5,2022 godina Bunnoo Beddellee ona Makkoo keessatti waraana weerartuu bilxiginnaa irratti fudhateen diina gugsee magaalaa Makkoo keessaa baasuun magaalaattii dhuunfatee jira.
Abbaan mul’ataa qabsoo bilisummaa Oromoo WBOn erga diina uummata Oromoo irraa buqqiseen booda uummata magaalattii waaree booda toora sa’a 09:00tti waltajjii baasuun maree waliin taasisee jira.
Maree hawaasa aanaa Makkoo waliin WBOn kaleessa taasisee keessatti uummata Oromoo aanichaaf uummatni Oromoo maal keessa akka darbee fi maal keessa akka jiru, bilisummaa fi qabsoo Waraanni Bilisummaa Oromoo taasisaa jiru akkasuma egeree Oromoo fi carraa impaayeerattii kaasuun ibsa kennaniifii jiru.
Xumura irrattis uummatni Oromoo garbummaa hiriyaa hin qabne keessa akka jiru mareen irratti erga walii galanii booda kana keessa ba’uufis falmaa afaan qawween WBOn geggeessaa jiru itti fufsiisuun dirqama ta’uu isaa hubachiisuun, qawwaa bulchiinsa uumamuuf deemuuf koree bulchiinsa bilisummaa yeroo of keessaa filatanii ofiin of bulchuu akka qaban ibsaniiru.
Waltajjii sana booda uummanni hojii idilee isaatti tasgabbiin deebi’uu ajajaan WBO godinichaa ibseera.
