Waraanni murna bilxiginnaa maqaa gaachana sirnaa jedhuun qonnaan bultoota godina Baha Harargee ona Haramaayaa hiraarsaa jira.
ONM-ABO Fulbaana 6, 2022 Murni bilxiginnaa uummatni cufti akka loltuu ta’u barbaadu maqaa milishummaan uummata leenjiin rakkisaa ture itti fufuun amma ammoo gaachana sirnaa jechuun qe’ee Oromoo mara irraa deemuun daa’imaa hanga jaarsaatti leenjitan malee jechuun rakkoo uumaa jiru.
Akka kanaanis godina Baha Harargee ona Haramaayaa araddaa Ifaa Oromiyaa keessatti waraanni murna bilxiginnaa kaabinoota aanichaa waliin achitti bobba’uun uummata dirqamaan leenjii gaachana sirnaa fudhatan malee jechuun ganama ganama yaasanii ispoortii hojjechiisaa oolu.
Namootni isaan leenjii jechuun hirmaachisaa jiran kun maanguddoo, qaama hir’eeyyii fi daa’imman kan of keessaa qabu yoo ta’u, namoota kana waan isaan hin ilaallannetti hirmaachisanii miidhaa qaamaa irraan ga’aa jiru.
Waraanni faashistii kun namoota leenjii kana fudhachuu didan reebee hidhaa waan jiruuf namootni biroon qe’ee isaanii gadhiisanii baqachaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru.
Murni bilxiginnaa impaayeera Itoophiyaa dhiheenya kana waan leenjii loltummaa hawaasa ittiin dararaa jiru namni baratee hojii argachuuf tajaajila waraanaa laachuu qaba kan jedhu ulaagaa keessa galchuuf akka jiru maddeen keessoo PP ibsaniiru.
