• Fri. Mar 13th, 2026

Oduu ammee Tarkaanfii Waraana Bilisummaa Oromoo godina Gujii Lixaa fi Lixa Shaggar isiniif dhiheessa

Sep 8, 2022

Oduu ammee Tarkaanfii Waraana Bilisummaa Oromoo godina Gujii Lixaa fi Lixa Shaggar isiniif dhiheessa

ONM-ABO Fulbaana 8,2022 Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn gabrummaa uummata Oromoo irra bubbule xumura itti gochuuf tarkaanfii humna cunqursaa irratti fudhatu jabeessuun du’aa fi madoon adabee jira.

Haaluma kanaan Korommiiwwan ilmaan Oromoo WBOn zoonii kibbaa konyaa Gujii Lixaa Cibiraan Gumaa Baas Tuulaa Surroo aanaa Abbayyaa ganda Sariitii bakka addaa Duuree jedhamutti har’a Fulbaana 7/2022 waraana fashistii Abiy Ahimed uummata Oromoo gidirsuu, saamuu fi ajjeesuuf bobba’an irratti tarkaanfii laalessaa ganama irraa eegale hanga sa’a 7:00 itti fudhateen loltoota gabroomfataa PP 30 ol battalumatti yemmuu ajjeesu lotoota 23 ol madoo taassisee jira.

Dabalataan kaleessaa Fulbaana 6/2022 aanaa Bule Horaa ganda Carii Gololchaattis humna faashistii PP uummata saamuuf deemu tarkaanfii WBOn irratti fudhateen loltoota 10 hoggaa irraa ajjeesu 6 ol madoo dandammii hin qabneen adabee jira.

Akkasumas aanuma Bulee Horaa ganda Odaa Muudaa keessattis waajira gandicha barbadeessuun qawwe AKM 5 fi pistoo 3 dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii tolchee jira.

Impaayeera afaan qawween ijaaramte afaan qawween diignee bilisummaa fi walabummaa saba keenya ni dhugoomsina!

Horaa bulaa deebanaa
Injifannoon Uummata Oromoof!

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading