• Mon. Oct 5th, 2026

IBSA EJJENNOO HAALA YEROO ILAALCHISUUN QBO FI UUMMATA OROMOO ILUU ABBAA BOORAA FI BUUNNOO BEDDELLEE IRRAA KENNAME

Sep 10, 2022

IBSA EJJENNOO HAALA YEROO ILAALCHISUUN QBO FI UUMMATA OROMOO ILUU ABBAA BOORAA FI BUUNNOO BEDDELLEE IRRAA KENNAME.
Fulbaana 10/2022
Sabni Oromoo erga waanjoo kolonii abashootaa jalatti kufee harka kennee takkaa qabsoo geggeessuu irraa duuba hin deebine.Mootonni abashootaa jaarraa heedduudhaaf aangoo wal harkaa fuudhaa turan akkaataa itti saba Oromoo cabsaniifi garboomsan irratti dalagaa turan.Abjuun isaanii kan fiixaan ba’eefis bara minilik meeshaa ammayyaa Awurooppaanota irraa deggerame ture.Sabni Oromoos duula nafxanyootaan irratti geggeeffamaa ture haga danda’e ofirraa qolataa aarsaa lubbuus itti baasaa ture.Erga Oromiyaan diigamtee sirna nafxanyaan dhaalamtee sabni Oromoo haga har’aatti guyyaa tokkoof nagaan ba’ee galee hin beeku.Mootonni dhufanii darbanii haga har’aatti impaayera biyyattii bulchaa jiranis gaaffii sabni Oromoo gaafatu afaan qawween ukkaamsaafi Ilmaan Oromoo qaroo ajjeesaafi dhabamsiisaa turan har’as itti jiru.Qabsoo sabni Oromoo ABO Waraana Bilisummaa Oromoo of jalaa qabuun taliigamee geggeessaa tureen QBO guutuu Oromiyaa keessatti qabsoo finiinsuun sirna dhufee darbaa abashootaa hudhee qabee Kufaatii mootummaa wayyaaneef sababa angafaati.Nutis QBO Iluufi Buunnoo Beddellee shoora olaanaa ba’ataa turre.
Booda erga Abiy Ahmed maqaa Oromoo moggaafachuun aangootti dhufees duguuggaafi sarbamins mirga Ilmaan Oromoo caalmaatti kan babal’ateefi haala yaachisaafi ammaata irra jira.Nutis QBO Iluufi Buunnoo qabsoo sabni Oromoo bilisummaa isaaf ABO/WBO waliin taasisaa tureefi jiru bira daabbachuun akka QBO Iluufi Buunnootti ga’ee nurraa eegamu ba’achaa kan turreefi ammas itti jirru fuula duras jabaannee kan itti fufnu ta’uu keenya beeksifna.Sochiin riphe loltummaa WBO duraan godina Iluufi Buunnoo keessa taasisaa ture qaruuxeewwan QBO jajjabduu qofaan hordofamaa ture.Yeroo dhiyoo as garuu injifannoo jajjabaan diina saba Oromoo dhabasmsiisaa Onoota garaagaraa dhuunfataa jiraachuun fira mitii diinnuu ragaadha.Sochii ABO/WBO Iluufi Buunnoo keessa taasisaa jiru hordofuun mootumaan pp impaayera butute suphuuf wargamtu maqaa WBO xureessuuf karaa Addisuu Araggaatiin shira garaa garaa sabaafi sablamoota naannoo sanaa keessatti xaxaa akka jirtu argaa jirra.QBO Iluufi Buunnoo haala kana hordofuun ooggana WBO godinoota kana keessa socho’aa jiran waliin ta’uun ibsa ejjennoo keenya akka armaan gadiin baafanneerra.


1 Sabni Oromoo Iluufi Buunnoo keessa jirtan akkuma saba Oromoo kutaalee Oromiyaa garaa garaa keessa jiran ABO/WBO waliin hiriiruun bilisummaa isaaniif aarsaa guddaa baasaa jiranitti isinis WBO bilisummaa keessaniif falma hadhaa taasisaa jiru bira dhaabbachuun qabsoo haqaa akka geggeessitan wamicha isiniif dhiyeessina.


2 Hidhamtoonni saba Oromoo maqaa WBO qunnamtaafi deggerta jedhamaniin hidhamanii Godinoota Iluufi Buunnoo keessatti dararamaa jiran hatattamaan akka gadhiifaman gaafanna.


3 Shira sirni nafxanyaa durii kaasuun Oromoo lagaafi lafaan gargar qoodee walitti diinomsaa turaniin ammas sirni mootummaa garboomfataa pp itti jiru kanaan sabni Oromoo lagaafi lafaan akka wal qoodu irratti hojjetaa jiran cimsinee balaaleffanna.


4 Kaabinoonni fi kaadiroonni duraanis ta’e sirna pp kanaan ilmaan oromoo irratti daba hojjetaa turtanii WBO baqataa jirtan dhiiftanii harka kennachuun uummata Oromoo dhiifama akka gaafattan isin beeksifna.Uummanni nagaa kanneen basaastotaafi kaabinoota WBO baqatan ilaaltanii hojii idilee keessan irraa shororkooftan tasgabbooftanii hojii idilee keessanii akka hojjetattan jabeessinee isin hubachiifna.

5 WBO waraana saboota cunqurfamoo gaanfa Afrikaa walaba baasuuf dhaabbate waan ta’eef nuti QBO gooticha abdii sabaa WBO waliin ta’uun murna dhiiga saba keenyaa lolaasu,saamu,gudeedu kana ofirraa buqqisuuf Qabsoo haqaa akka taasisnu waadaa seenna.

6 Ergama mootummaa irraa fudhachuun shira Addisuu Araggaa sabaafi sablammoota Iluufi Buunnoo keessatti xaxaa jiruun maqaa WBO ittiin yakkaa jiruufi aggaammii saba Oromoo naannoo kanaafi sablammoota biro walitti buusuuf taasifamu ni balaaleffanna.


7 Gocha duguuggaa sanyi mootummaa pp tiin uummata Oromoo golee Oromiyaa mara keessatti raawwatamaa jiruufi hidhaafi ajjeechaa loltoota mootummaa uummata keenya irratti raawwatamaa jiru cimsinee ni balaaleffanna.


8 Gocha mootummaan Oromiyaa maqaa shanee jedhuun WBO ittiin yakkuuf hattota bosona Oromiyaa bakkoota garaa garaa keessatti gurmeessee saamichaafi ajjeechaa uummata Oromoo irraan ga’aa jiru ni mormina.


9 Gocha mootummaan Finxaaleyyii amaaraa faannoo saba Oromootti bobbaasuun lubbuufi qabeenya oromoo irra miidhaa geessisaa jiru atattamaan akka dhaabbatu ni gaafanna.gochichas cimsinee ni balaaleffanna.mootummaan Oromiyaafi hattoonni maqaa WBO tiin gochicha keessaa harka qabanis lubbuu dhumetti akka gaafataman jenna.


IBSA EJJENNOO AKEEKKACHIISA OF KEESSAA QABU.
1 Sabaafi Sablammoonni godina Iluu Abbaa Booriifi Buunnoo Beddellee keessa jirtan shira Addisuu Araggaa xaxaa jiru dhaga’uun adeemsaafi sochii WBO tti gufuu ta’uu barbaaddan gocha hammeenya isin hin ilaallanne irraa dhaabbattanii hojii idilee keessanii qofa irratti akka fuulleffattan jabeessinee isi hubachiifna.
2 Kaabinoonniifi Kaadiroonni mootummaa ilmaan Oromoo ajjeesuufi hidhuuf barbaadaa jirtan gocha hammeenyaa gaafatamummaa seenaa jala isin galchu irraa akka of qusattaniifi isiniif dhaamuun,gara qabsoo haqaa WBO geggeessaa jiruutti akka makamtan ykn maatii keessanitti deebitanii jireenya dhuunfaa keessanii akka jiraattan cimsinee isin hubachiifna.
3 Dhaabbileen mootummaafi miti mootummaa akkasumas namoonni dhuunfaa gocha mootummaa nafxanyaa kana jala hiriiruun qabso sabni Oromoo WBOwaliin hiriiruun bilisummaa isaaf geggeessaa jirutti gufuu taatan ammaa qabdanii akka irraa of qusattan isiniin jenna.
4 Kaabinoonni dhalattoota Iluufi Buunnoo taatanii Oromiyaafi godinoota kanneen irraa hojjettan ergama mootummaa fudhachuun godinaafi aanaatti buutanii maqaa WBO uummata biratti xureessaa ooltan lubbuu keesaniifi maatii keessaniif jettanii gufuu WBO ta’uu irraa akka of qusattan isiniin jenna.
5 Lammiileen Oromoo dhalattoota Iluufi Buunnoo waraana garboomfataa pp keessa jirtan kanneen yeroo ammaa waraana mootummaa fuutanii sakattaaf bobbaafamtaniifi hoji dhabdoonni tikummaatti leenjifamuun gocha basaasummaatti bobbaafamtan akka irraa dhaabbattan jabeessinee isin akeekkachiifna.
QBO Iluu Abbaa Booraa fi Buunnoo Beddellee irraa
Gadaan Xummura Garbummaati.
INJIFANNOON UUMMATA OROMOOF.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading