• Sat. Apr 4th, 2026

WBOn Lola Guyyaa Har’aa Gaggeesseen Onoota Lama To’achuu Ifoomse

Sep 9, 2022

WBOn Lola Guyyaa Har’aa Gaggeesseen Onoota Lama To’achuu Ifoomse.

[SQ Fulbaana 9/2022]

WBOn Zoonii Lixaa guyyaa har’aa jechuunis Fulbaana 9/2022 bakkoota addaa addaatti lola taasiseen Onoota lama: Godina Wallagga Bahaatti kan argamtu Ona Guutoo Giddaa magaalaa Ukkee fi Godina Buunnoo Beddelleetti kan argamtu Ona Dhaaphoo Haannaa hanga ammaatti to’annoo isaa jala galchuun beekameera.

Yeroo ammaa kanas humnoonni naannoo Amaaaraa fi PP wal ta’uun yeroo ammaa duula jajjaba WBO irratti taasisaa jiraachuu maddeen nuti qunnamne ifoomsaniiru. Humni Bilxiginnaa dabalataan magaalaa Naqamtee irraas itti fe’amaa jiraachuun barameera.

Oromoon bakka jiru maraa dammaqee yeroo WBOn aarsaa gurguddaa kaffalee humna diinaa buqqisaa jiru kana, waraana isaa bira dhaabbachuu fi tumsuu akka qabus gamanumaan dhaammanna.

WBOn Haa Waaru!

One thought on “WBOn Lola Guyyaa Har’aa Gaggeesseen Onoota Lama To’achuu Ifoomse”

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading