• Sun. Sep 13th, 2026

Ibsa Dhalattoota Magaalaa Agamsaa fi Naannawaa Ishee Irraa Kenname
(Ajjeechaa Agamsatti Raawwatame Ilaalchisee)

Sep 9, 2022

Ibsa Dhalattoota Magaalaa Agamsaa fi Naannawaa Ishee Irraa Kenname
(Ajjeechaa Agamsatti Raawwatame Ilaalchisee)

[SQ Fulbaana 9/2022]

Guyyaa: Fulbaana 08, 2022
Ibsa Dhalattoota Magaalaa Agamsaa fi Naannawaa Ishee Irraa Kenname
(Ajjeechaa Agamsatti Raawwatame Ilaalchisee)

Magaalaan Agamsaa Goodina Horroo Guduruu Wallaggaa, Aanaa Amuruu jalatti argamti. Magaalaa kana jalas araddaaleen kudha torbaa (17) ol kan argaman yoo ta’u Uummattoota baay’inaan kuma shantamaa (50, 000) ol ta’antu keessa jiraata. Magaalaa Agamsaa kan adda ishee taasisu keessaa Kaartaa fi Pilaanii Magaalaa qabaachuu, iddoo Oomishaalee gosa midhaan sadarkaa ekisipoortiif ta’ani hedduu qabaachuu ishee fi walqunnamsiiftuu goodinaalee Oromiyaa (Horroo Guduruu Wallagaa fi Wallaga Bahaa) fi naannoo Amaaraa ta’uudha. Magaalli kun daandii kallattii sadii ( Wallaga Bahaa, Horroo Guduruu fi Naannoo Amaaraa) kan wal-qunnaamsiiftu waantaateef daldalaaf baay’ee mijattuudha. Konkolaataan Magaalaa Naqamtee irraa ka’ee gara naannoo Amaaraa (Buree fi Baahirdaar) deemu akkasumas kan naannoo Amaaraa irraa ka’ee gara Naqamtee deebi’u iddoo ciree fi laqaana isaa Magaalaa Agamsaa erga godhatee booda imala itti aanu gegeessa. Dabalataanis, Keellaan guddichi daangaa Oromiyaaf Amaaraa wal-qabsiisuu Magaalaa Agamsaatti waan argamuuf Gandoota Aanaa Amuruu jala jiran keessaa Ganda galii guddaa sassaabuun beekamtudha. Oomishoonni akka Xaafii, Saalixii, Boqqolloo, Qamadii, Nuugii ,fi kan kana fakkaatan Magaalaa kana irraa gara Oromiyaatti dhiyaachuu irra darbee naannoo Amaaraa Magaalaa Bahirdaar fi Naannoo Tigiraay Magaalaa Maqaleetti dhiyeeffamu. Finxaaleyyiin Amaaraa lafa Agamsaa hedduu madda galiif mijattuu taate irraa dhamdhamanii arganiiru. Kana irraa kan ka’ee fedhiin naannoo sana of jala galchachuuf qabani guddaadha.

Uummanni Magaalaa Agamsaa seera kabajuun, barnootatti amanuu fi keessummaa simachuun beekama. Uummattoota naannoo Amaaraa irraa ka’anii gara Oromiyaa seenaanii fi kan bara mootummaa Hayile Sillaasee fi Dargii gara Magaalaa kana qubataniif lafa isaa irraa qoodee baroota baay’eef nagaa fi jaalalaan waliin jiraachaa tureera. “Alagaa ilkaan malee garaa isaa hinargani” akkuma jedhamu Finxaaleyyiin Amaaraa naannoo Agamsaatti argaman Uummata ajjeessuu fi buqqisuun jibba Uummata Oromoof qaban ifaafi ifatti agarsiisaniiru. Ammajjii, bara 2020 irraa eegaluun Uummata keenya naannawaa magaalaa Agamsaa kan araddaalee Illaammuu, Jaaboo Doobban, Rigatee,Sammo, Gurraa, Dinkii, Cidhatti, Hoofii, Waalli, Lumma, Madaallee, Hoolee, Bilii fi kan kana fakkaatan keessatti argaman Finxaaleyyiin Amaaraa buqqisuun gara magaalaa Agamsaatti galchaniiruu. Buqqaatonni kunis waggoota lamaaf furmaata tokko malee hojii dhabeeyyii tahanii beelaaf saaxilamaa jiru.

Finxaaleyyiin Amaaraa kun leenjii waraanaa gahaa kan qabaniifi deeggarsa meeshaa fi lojistikii Mootummaa naannoo Amaaraa fi Finxaaleeyyi mootummaa Federaala,Mootummaa naannoo Oromiyaa fi naannolee biroo keessaa jiraani irraa argatani fayyadamuun Goodina Horroo Guduruu iddoo garaa garaa keessaatti nama ajjeesuu , mana jiraattootaa gubuu akkasumas Horii uummataa saamuu irratti erga hiriiranii waggaa Lama(2) ol lakkoofsiseera.
Finxaaleyyiin Amaaraa kun Magaalaa Agamsaa keessatti rakkoo uumuu erga jalqabanii gaaga’amni hedduun magaalaa kana keessatti raawwatameera. Manneen barnootaa seeraan barattoota barsiisuu hin dandeenye, dinagdeen magaalattii akka gad bu’u ta’eera, lubbuun baayyee dhumeera, horii fi saawwan hedduun saamamaniiru, daandiiwwan cufaa ta’uu isaanii irraa kan ka’e namootni daldala irratti hiriiruun hojjetan akkasumas manneen nyaataa keessa hojjechuun jiraatan rakkoo hamaa keessa galaniiru, lafti qonnaa hedduun uummanni qotachuuf yeroo bahu humna kanaan waan ajjeefamuuf bosonaan uwwifameera, tajaajjilli uummataaf godhamu kanneen akka Xaa’oo, Sukkaaraa, Zayitaa fi kan kana fakkaatan bakka sanatti akka hin kennamneef danqaan godhameera. Kun immoo uummanni naannoo sana jiraatu haamileedhaan akkasumas xiinsammuudhaan miidhama keessa akka galu godheera.
Kun kanaan otoo jiruu, Gaafa Haggayya 30, bara 2022 humnoonni Finxaaleyyii Amaaraa Goodina Wallagga Bahaa Aanaa Kiiramuu Iddoo Haroo jedhamu irraa ka’uun Uummata Magaalaa Agamsaa lakkoofsaan jaatamii lama (62) ol ta’an rasaasaa fi ibiddaan gubuun ajjeesanii kan torbaatamaa (70) ol ta’an immoo madeessaniiru. Dabalataanis, Baankii Awaash, Mana Qopheessaa Magaala Agamsaa, Baankii Siinqee, Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa ,Dukkaana Uummataa fi Mana jireenyaa erga saamanii booda ibiddaan barbadeessaniiru.
Nutis dhalattootni Magaalaa Agamsaa fi naannawaa ishee Ajjeechaa hamaa fi sukkanneessaa Uummata keenya irratti raawwate kana cimsinee balaleefanna. Ajjeechaa Finxaaleyyiin Amaaraa raawwatan kanaan Daa’iiman, Jaarsolii, Dubartoota Ulfaa fi Hawwaan baayyee dhabnee jirra. Gochaan kunis kan mirga lubbuun jiraachuu Uummata keenya dhorkeefi duguggaa sanyii Uummata Oromoo irraatti raawwatedha. Nuyi osoo ogummaa keenyaan sabaaf sablammoota biyya keenyaa karaa iftoomiina qabu fi walqixxuumaadhaan tajaajilluu gareen Mootummaa humna maatii keenya dhabamsiisee qe’ee keenya dhaaluuf warraaqu kana deeggaruun isaa baay’ee nugaddisiiseera. Nutis rakkoo Finxaaleyyiin Amaaraa uumaa jiran kanaan waggoota sadii(3) oliif maatii keenya irraa addaan cinnee jirra. Mootummaan Naannoo Oromiyaas Finxaaleyyii Amaaraa Oromiyaa keessa taa’anii Uummata keenya dararaa jiran kana callisee ilaaluun isaa abdii nu dhowwateera. Uummattoonni Oromoo naannoo garaa garaa jirtan akka nuuf birmattan jechaa nuti dhalattoonni Magaalaa Agamsaa fi naannawaa ishee kan kutaa biyyattii garaa garaa keessa jiraannu Ibsa Ejjennoo keenyaa akka armaan gadiitti dhiyeessineerra.

  1. Finxaaleyyii Amaaraa Goodina Wallaga Bahaa, Aanaa Kiiramuu, Ganda Haroo keessa jiraachuun haala sukkanneessa ta’een Uummata keenya ajjeesaa fi buqqisaa jiran hatattamaan tarkaanfiin seeraa barbaachisaa fi barsiisaa ta’e akka irratti fudhatamu qaama dhimmi isaa ilaalattu gaafanna.
  2. Uummattoonni naannawaa Magaalaa Agamsaa kan akka Jaaboo Doobban, Rigatee, Sammo, Gurraa, Dinkii, Cidhaatti, Hoofii, Waalli, Lumma, Madaallee, Hoolee, Bilii fi Goodina Horroo Guduruu gandoota garaa garaa irraa bara 2020 irraa jalqabuun kan buqqa’an qe’ee isaaniitti akka deebi’an akka godhamu akkasumas horii isaanii Finxaaleyyii Amaaraadhaan saamame akka deebi’uufiif qaamni dhimmi isaa ilaallattu hundi ga’ee isaa akka ba’atu gaafanna
  3. Karaan Magaalaa Agamsaa-Kiiramuu fi Agamsaa-Shaambuu wal-qunnamsiisu kan Finxaaleyyii Amaaraadhaan adda cite hatattamaan akka nuuf banamu.
  4. Magaalaan Agamsaa humnoota Finxaaleyyii Amaaraadhaan marfamtee waan jirtuuf akka eegumsi karaa qaamni dhimmi ilaallattu godhamu dabalatees waajjiroonni mootummaa fi miti mootummaa , dukkaannii fi manni jireenyaa namoota dhuunfaa humnoota Finxaaleyyii Amaaraatiin barbadaa’aniif qaamni dhimmi isaa ilaallattu akka deeggarsa godhu.
  5. Mootummaan naannoo Amaaraa saba isaa Oromiyaa keessa taa’ee duguuggaa sanyii uummata Oromoo irratti raawwachaa jiru akka akeekkachiisuufi deeggarsa meeshaa waraanaa geggeessaa jiru hatattamaan akka dhaabu gaafanna.
  6. Saboonni Amaaraa naannoo Oromiyaa keessa jiraattan murna Finxaaleyyii Amaaraa Oromoo ajjeesan, buqqisan, Horii uummataa saaman kan Uummata Amaaraa bakka hin buune kana deeggaruu irraa of qusattanii akka seeratti isaan dhiyeessitan gaafanna.

Dhalattoota Magaalaa Agamsaa fi Naannawaa Ishee Kutaa Biyyattii Garaa Garaa Jiraatan
Bakka Jiran Irraa, Fulbaana 08, bara 2022.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading