• Fri. Mar 13th, 2026

Kaaba Oromiyaa godina Walloo keessatti sababa lola kaabaatiif qonnaan bultoota leenjii waraanummaa fi siyaasaa hin qabne humnaan qabanii adda waraanaatti ergaa jiraachuun dhagaa’ame

Sep 10, 2022

Kaaba Oromiyaa godina Walloo keessatti sababa lola kaabaatiif qonnaan bultoota leenjii waraanummaa fi siyaasaa hin qabne humnaan qabanii adda waraanaatti ergaa jiraachuun dhagaa’ame.

ONM-ABO Fulbaana 9, 2022 Ilmaan Oromoo Walloo kaaba Oromiyaa keessa jiraatan irratti mootummaan impaayeera Itoophiyaa baatilee darban keessa waraana isaa fi finxaaleeyyii Amaaraa hidhachisee itti bobbaasuun lubbuu namoota hedduu kan galafate fi qabeenyi isaanii saamee saamsisaa ture irraanfachuun lola isaan hin ilaallannetti bobbaasuuf dirqamsiisaa jira.

Murni bilxiginnaa gamtokkoon Oromoota Walloo ajjeesaa gambiraan ammoo na deggeraa jechuun qonnaan bultoota hojii qonnaa hojjachuun ofii fi maatii isaanii jiraachisan maatii beelatti hambisuun abbaa isaanii akkasumas ilma dhiiraa hedduu humnaan adda waraanaatti erga jiru.

Haaluma kanaan lola kaaba impaayeerattiitti adeemsifamaa jiruun aanaalee godinichaa keessaa qonnaan bultoota hedduu leenjii waraanummaa fi siyaasaa hin qabne humnaan qabanii adda waraanaatti erga jiru jechuun jiraattootni Arraata Biyyoolessa Oromiyaa dubbise tokko tokko ibsaniiru.

Keessattu aanaalee akka Baatee, Arxummaa Fursee, Dawwee Harawaa fi Dawwaa Caffaa keessaa qonnaan bultoota hedduu guuraa jirus jedhaniiru.

Itti dabaluunis namoota lolli kun nu hin ilaallatu maatii keenya guddifanna jechuun didan ammoo reebicha hamaa irraan ga’aa fi hidhaa jiru.

Namoota humnaan qabamanii waraana kaabaatti ergaman keessaa obbo Umar Sayid nama tokko yeroo ta’u jiraata aanaa Arxummaa Fursee ganda Golboo Arbaati.

Oromtichi kun abbaa ijoollee 7 fi nama hojii guyyaa hojjachuun ofii fi maatii isa jiraachisuu ta’uu osoo inni itti iyyatu humnaan qabanii adda waraanaatti kan ergan ta’uu maddeen ibsuun maatiin yeroo amma rakkoo keessa jiraachuu dabaluun himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading