• Fri. Mar 13th, 2026

Godina lixa Wallaggaa Ona Qilxuu Kaarraa keessatti hidhaan ilmaan Oromoo irratti hammaatee jira

Sep 24, 2022

Godina lixa Wallaggaa Ona Qilxuu Kaarraa keessatti hidhaan ilmaan Oromoo irratti hammaatee jira.

ONM-ABO Fulbaana 24, 2022 Hidhuun mo’achuu kan itti fakkaatu murni bilxiginnaa ilmaan Oromoo bakkeewwan garaagaraatti namoota nagaa jiruu idilee isaanii irraa qabee hidhuun miidhaa hawaasdiinagdee saaxilaa jira.

Haaluma kanaan torbee darbe Fulbaana 17, 2022 murni bilxiginnaa godina Lixa Wallaggaa ona Qilxuu Kaarraa ganda Waatoo Daallee jedhamutti namoota hojjetatanii jireenya dhuunfaa isaanii jiraatan qabuun onuma sana keessatti hidhanii dararaa jiru.

Namoonni isaan hidhan keessaa kan maqaa argannee Maariqoos Dheeressaa , Darajjee Faqqadaa, Dheeressaa Fufaa fi Galaanaa Kumarraa kanneen jedhaman badii tokko malee hidhuu isaanii maddeen magaalaa Qilxuu Kaarraa Arraataa Biyyooleessa Oromiyaatti himanii jiru.

Buufata poolisii ona Qilxuu Kaarraa keessa ilmaan Oromoo hedduun sababa Waraana Bilisummaa Oromoo deggertu jedhuun sobaan yakkamanii hidhaa murtoo malee baatii 6 oliif hidhamanii dararamaa akka jiran maddeen dabaluun addeessaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading