Jiraattoota godina Baha Harargee irra jimaa naannoo Soomaalee aanaa Bikkeetti geessuun daldalan irratti saamichi hammaachuun dhagaa’ame.
ONM-ABO Fulbaana 26, 2022 Uummatni Oromoo impaayera Itoophiyaa jalatti saamamaa, qe’ee irraa buqqaafamaa fi ajjeefamaa oduu gaddaa fi rifaasisaan guyya guyyaan haadholiin Oromoo imimmaan isaanii dhangalaasa ooluu.
Haaluma kanaan rakkoo sirni impaayerattii dhufaa darbaan uummatni Oromoo akka diinagdee hin horanne quucarsuun waxalamanii hiyyummaa keessatti kanneen kufan, jireenya dhuunfaa isaanii fooyyeffachuuf harmoolii Baha Harargee irraa ka’uun jimaa baatanii gara naannoo Soomaalee aanaa Bikkee magaala Gootaatti geessuun daldalataan milishoota naannoo Soomaaletiin saamamaa jiru.
Adda durummaan saamicha uummata kana irratti kan hammeessaa jiru milishaa magaalaa Gootaa nama maqaan isaa Hasan Aliishoo Shidee jedhamuu dha.
Namni Kun waan harmooliin Oromoo ijoollee isaaniif bitan karaatti eegee kan saamaa jiru ta’unis beekame jira.
Aanaan Bikkee lafa Oromoo Baha Harargee aanaa Gooroo Guutuu irraa bulchiinsa OPDO jalatti maqaa rifirendammii sobaan Mootummaa Naannoo Soomaaleetti kan gurguramte ta’uu maddeen ibsaniiru.
