• Fri. Mar 13th, 2026

Ajjeechaa suukanessaan ilmaan Oromoo irratti raawwatamu itti fufuun godina Qellem Wallaggaa Aanaa Gidaamiitti ilma Oromoo tokko ajjeesan.

Sep 28, 2022

Ajjeechaa suukanessaan ilmaan Oromoo irratti raawwatamu itti fufuun godina Qellem Wallaggaa Aanaa Gidaamiitti ilma Oromoo tokko ajjeesan.

ONM-ABO Fulbaana 28, 2022 Ilmaan Oromoo Oromiyaa qe’ee abbaa isaanii irratti ajjeefamuun maatii fi firoottaan reeffaa dhorkachuun aadeffatameera .

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamii ganda Alchawwaa Jiillootti dargaggoo Qalbeessaa Bojaa jedhamu Fulbaana 25,2022 mana isaaniitii qabuun qarshii 20 000 (Kuma digdama ) harka fudhatanii erga fudhanii deemaniin booda Fulbaana 26,2022 bakka adda Kireecharii jedhamutti ajjeesuun gatan.

Dargaggoo Qalbeessaa daandii irratti erga ajjeesaniin booda maatiin akka reeffa fudhatanii hin awwaallanne dhorkachuun reeffa isa erga bakkee bulchaniin booda jaarsoliin kadhatanii Fulbaana 27,2022 daandii irraa kaasuun maatiin awwaallachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading