• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Baha Harargee aanaa Gooroo Guutuutti Waraanni PP namoota hidhuun sochii geejjibaas ugguran

Sep 29, 2022

Godina Baha Harargee aanaa Gooroo Guutuutti Waraanni PP namoota hidhuun sochii geejjibaas ugguran.

ONM-ABO Fulbaana 29, 2022 Waraanni koloneeffataa Abiy Ahimed kanneen naasuu tokko lammiilee isaaniif hin qabne namootni hojjetanii jijjiramuu irra hiyyummatti harka isaanii akka ilaalan fedhan ilmaan Oromoo diinagdeen cabsuuf dalagaa guyya guyyaa irraa qabanii hidhaa bubbulchu.

Akka kanaanis godina baha Harargee ona Gooroo Guutuu keessatti daldaltoota jimaa, abbootii dukkaanaa fi qonnaan bultootaa siyaasa kamiyyuu keessaa hin qabne qabanii hidhanii jiru

Kana malees aanaa Gooroo Guutuu kana keessatti ilmaan Oromoo baadiyaa aanichaa irraa gara magaalaa Gooroo Guutuutti doqdoqqeen namoota deddeebisuun of jireessan guyyaa kudhaniif doqdoqqeen akka hin deemne labsuun hojii dhaabsisaniiru.

Namoota labsii kana cabsanii argaman qabanii paatroolii irra daqdoqqee, abbaa doqdoqqee fi namoota fe’amanii jiran kaa’uun Waajjira poolisii aanaa Gooroo Guutuutti darbachaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading