BU’UURRI NAGAA QAWWEEDHA!
Qabsoon Bilisummaa Oromoo baroota dheeraaf hacuuccaa alagaa ofirraa qolachuuf Uummata Oromoon geggeeffama tureera. Uummanni Oromoo akka sabaatti Madda Nagaafi Jaalalaati. Kanaaf, Ragaa guddaan Sirna Gadaati. Akka har’a Sirni Gadaa humnoota keessoofi alagaan caccabee burkutaa’ee kana osoo hin ta’iin Yeroo Addunyaan Sirna Gadaa Waabeffachuun Nageenya Addunyaa kanarraatti labsa turan sun Sirni Gadaa bu’uura Nagaa ta’uu mirkaneessera.
Haatahu, Malee Uummanni Oromoo akka Sabaatti Hammataafi Saba Nagaa jaallatu qofa waan taheef Qe’ee isaarratti Rasaasan ajjeefama fi ari’atama as gahe. Ammas,Sanumaatu Dagaagee Uummata Oromoo Afaan Qawween Bulchuufi sirna bittaa sana humnaan fudhachiisuuf yaaliin taasifamu salpha miti.
Abbooti Irree bara dhufaa darbaa Impaayerattii bulchuuf dabaree wal jijjiraan Biyyattii keessattii Oromoon akka nagaan jiraatuuf afeeranii hinbeekan. Hinbarbadaniillee. Kun ammo soda isan Sabichaaf qabanirra maddeetti.
Barruu mi’ooftu Waa’ee Impaayera Toophiyaaf Jaal Jaawwii Jillee katabe akka kanaa gadiitti jira. Barruu kana Bu’uura Godhachuun akka kanaatti dhiheessineerra. “ Itophiyaan sodaattuudha Ykn lolaa xumuraatti akkasumas, nagaa xumuraatti Oromoo affeeruu nisodaatti!
gaafa Oromoon humnoomee loluuf of qopheessuu carraa lola goolabaa seensisuu hanqistee Araara shiraan humna Oromoo facaasuu aadeffattee jirtii! Yeroo gara garaatti Qabsoon Bilisummaa Oromoo xumuramuuf gaafa akeekkatu Tiksitoonni Impaayerichaa Sirnicha dandamachiisuuf Jechoota mi’aahoo dubbachuun qabsichaa karaa dhaabuuf carraaqu. Biyyatti keessaatti yeroo sanaaf, Waan Oromoo humneessaan fakkaatanii Burjaajii uumu. Iccitiinsa garuu, Sirna nama nyaataa sanaatti Umurii horuuf tooftaa kiyyeeffameedha malee, dhugumaatti sabichaaf quqamanii miti.
Gaafa nagaaf waamanis nagaa guututti Oromoo waamanii hin beekan .waamus hin fedhaan! Nagaa irra dibaaf Oromoo Akka gaachana Karkarrootti dhimma itti bahuu barbaaddu. ofduraa qabdee ibiidda qofaa ittiin dhaamfataa as geesse. kuni mallaattoo garbummaaf garboomsaati. Warrii OPDO aangoomsuuf, taking the Oromo elites from victimise mentality to victories mentality” jedhees ofiifuu miidhamaa himannaa dhabee tahee matter ciisee jiraa!
Nagaan keenya harka keenya jiraa, herreega nagaa keenyaa immoo ammaatti hin argitaan, humni Oromoo ijaaramee lolaaf qophaa’e kun guututti lolaa ijiibbaatatti seenee diina kana jilbeenfachiisu malee nagaanis hin jiruu, rakkoon Mariin furamuus hin jiruu!”
Dhaloonni kun Dhaloota garbummaaf nuffee Bilisummaa isaaf aarsaa Lubbuu kaffalaa jiruudha. Nagaa Oromiyaaf buusuuf sirna Afaan Qawween ijaaramte Afaan Qawween diigee Oromiyaa Walaba ijaaruutti jira. Gaafa Oromoon humnoone diinnis, Dinni fira fakkatuus ni wataawatu. Watwaannaan isaani Sirnicha kufaatirra hin baraaru.
Sochii Waraanni Bilisummaa Oromoo Golee Oromiyaa keessatti giochaa jiruu cinaatti Dargaggotaafi Uummata Oromoo Biyya bilisaa keessa akka jiraatuf hubannoo gochaa jiruuf ammo caalmaatti yaaddoo Impaayeritti ta’eera. Amman booda Waraanichi sadarkaa Lagaatti ittisanii Maqaasatiin sodaachisanii Kiisa Ofii bokooksan darbeera. Kana booda Oromiyaan ilmaan akkasi utuu qabduu Mariif kadhatamteeti malee kadhatee hirmaatti miti. Nagaa Guutuun Afaan Qawwee keessaa madda.
Humni Oromiyaa Ijaaruuf Oomishama jiru kun Oromiyaarra darbee Addunyaafu Wabiidha. Humna Naamusaafi Kaayyoon keessatti Bargaageedha. Oromiyaan humna akkasii qabachuutti carroomtuudha. Humna Riqicha ta’ee Oromiyaa ijaaruuf of wareegu akkasi jechuudha.
Oromiyaa Walaba ni ijaarra. Impaayera Afaan Qawween ijaaramte Afaan Qawween Diigne Oromiyaa Walaba ijaarra. Ittis jirama. Alaaba Oromoo Addunyaarratti dhiigaaf lafee jaallaniin ni mirmirsina.
WBon haa waaru!
Oromiyaan Biyya!
