Humnooti Mootummaa Duudhaaf Aadaa Oromoorratti dargaggoota dhaanuun balaa dhaqqabsiisan.
(SQ Onkoloolessa 09, 2022)
Irreecha Malkaa Ateetee Magaalaa Buraayyuu irratti Humnootiin Mootummaa Aadaaf Duudhaa Oromootiif kabajaa hin qabne Qeerrowwan hedduu dhaanuun miidhaa qaamaa adda addaa irraan ga’uun beekamee jira.
Jala Bultii Irreecha kanaafi Fuuladura Dararaa fi hidhaa Hammeessaa kannturan Humnootiin Mootummaan Bobbaasu Magaalaa Buraayyuu keessatti Guyyaa har’aa bifoota garaagaraan Uummata galateeffannaaf Malkaatti ba’e irraan miidhaa qaqqabsiisuu maddeen ibsan.
Odeessa guutuu akkuma arganneen isiniin geenya.
