• Sun. Nov 22nd, 2026

Godina lixa Harargee ona Gubbaa Qorichaa keessatti reebichaa fi samichi akka malee jabaachuu jiraattonni dubbatani

Oct 11, 2022

Godina lixa Harargee ona Gubbaa Qorichaa keessatti reebichaa fi samichi akka malee jabaachuu jiraattonni dubbatani.
(ONM-ABO Onk 11, 2022)
Waraana Bilisummaa Oromoof odeessa kennitu, ijoolleefi fira keessantu keessa jira jechuun uummata reebuu, dararuufi saamuu jabeessanii itti fufuun godina lixa Harargee aanaa Gubbaa Qorichaa ganda Mi’eessaatti Onkoloolessa 9, 2022 ganamaan magaalaatti marsuun reebicha hamaa uummata irraan ga’uun Qeerroo heedduus mana hidhaatti darbataniiru.
Qeerroowwan uleedhaan tumamanii gara mana hidhaatti darbaman keessaa Ayyuub Abiraahim, Nuuree Masuud, Naasiroo Saanii, Leencoo Ahimed fi kanneen maqaa hin argatiin heedduu yoo ta’an, Leencoo Sheekaa namni jedhamu akka malee reebamuun du’aafi jireenya gidduu jiraachuu jiraattonni dubbataniiru.
Akka maddeen keenya ona Gubbaa Qorichaa irraa himanitti mootummaan abdi kutatan kun dararaa hamtuu maqaa deggersa raayyaa ittisa impaayera Itoophiyaa jedhuun saamicha gaggeessuun cinatti qeerroo jumlaan ukkaamsanii gara adda waraanaatti ergaa jirus jedhaniiru.

Leave a Reply